header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

125: Ilmi namaa jaldeessarraa dhufeen dhugaadhaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Saayinsiin ilmi namaa kun asliin isaa jaldeessa je’aa shariaan ammoo akkasii miti je’a.

 

Deebisaa: Saayinsiin waan ilmi namaa barreesse. Ahkaamni shariaa ammoo waan Rabbiin samii torban gubbaarraa gama jibriiliin Nabi Muhammad irratti buuse ?. Saayinsii sammuu ilmoo namaatiifi jecha Rabbii walqixxeessuu kee kanaaf dilooytee jirtaa Rabbii kee araarama kadhu. Yaa gabricha Rabbii; sammuu nama Rabbiin uumeetiifi waan Rabbiin keenya nuun je’e akkamiti walcinaa fidda? Ta duraatii Rabbii kee kadhadhu. Rabbiin ilmi namaa odoo hin uumin, ni uuma je’ee yaada kana malaaikaa irra fidee, asliin isaa akka jaldeessa hin ta’in suuratul Baqaratti ol deebi’ii laali. Bikka biraatittillee Rabbiin akki je’u, “Rabbiin dura Aadam uumeeti isarraa ilma namaa kana baldhise.” Asliin jaldeessa jaldeessuma. Tanaaf jecha asliin ilma namaa Aadam abbaa keenya ka biyyerraa uumame. Wanni jaldeessa je’an yaada sammuu yahuudaatiifi Nasaaraati. Akkanatti yaaduu kankee irraa tawbadhu.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 310

Kanas dubbisi!

131: Horii fayyaa dhabe gubuun akkami?
124: Namni tokko badii dalaguuf yaadee yoo dhiise maal godhuu qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button