header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

272: Nama muslima hin tahin waliin nyaata nyaachuun akkam?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Ummata islaama hin ta’in tokkoon wajji qubannaa, ummata kana yeroo nyaata nyaatan waliin nyaannaa jarri waa itti qaqaraatii waan jarri itti qaqaraatu sani osoo hin beekin nuti waliin nyaachuu dandeenyaa?

 

 

 

Deebisaa: Yoo nyaanni halaala ta’ee ruuzumaafii wama Rabbi halaala siif godhe ta’e wanni isiin itti qaraatu kijiba malee wannii isiin itti ooftu hin jiruu ati nyaata kankee nagayaan nyaadhu. Nyaanni isiniif halaala abalu itti qara’ee abalu itti tufeefi yoo qalbiin tee si jibbite fa’a malee akka shari’aatti wanni haraama sitti godhe hin jiruu nyaachuu dandeessa. Garuu warra Rabbitti hin amanneen wajji nyaachuun warra saniin wajji taa’uun keessattuu yoo dubartii fa’a taate walitti laaqamanii taa’uun Rabbiin hin jaallatu. Nyaatni kankeellee qulqulluu namni ati wajjiin nyaattullee nama Rabbi sodaatu ta’uun saahiba tolfachuu saahiba keeyrii irratti si kaasu, ka adaba nyaataa si yaadachiisu ka akkasii santu Rabbi biratti jaalatama. Namni Rabbitti hin amanne ka diiniif sunnaa shari’aa hin beeyne yeroo hedduu qalbii nama duucha. Rasuulli Rabbii saahiba qalbii namaa gammachiisuuf qalbii namaa ibsu wajjiin taa’uuf wajji ka’uu dhaamsa guddaa nuuf godhan sanirratti jajjabeefadhu inshaa Allaah.

 

Sheik Alii Jimmaa

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 254

Kanas dubbisi!

276: Dubartii eega fuudhaniin booda yoo faskii godhan, deebifachuun ta’aa
270: Bishaaniin qaama qabbaneefachuun Sooma diigaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button