276: Dubartii eega fuudhaniin booda yoo faskii godhan, deebifachuun ta’aa

  • Home
  • Dubartii
  • 276: Dubartii eega fuudhaniin booda yoo faskii godhan, deebifachuun ta’aa
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Intala takka biyya sa’uudii keessatti fuudhe. Abbama isiittu nikaha naaf godhe. San booda intalti biyya galtee xiqqoo wal tuqnee faskii godhanii namni biraa fuudhe. Achi booda intalti karaa baharaatiin sa’uuditti deebitee niiti tiyya ta an jaaladhu kafiila tokko gaafadheetiin nikaha kiyya ni qabdi jedheetiin manatti galfadhee

 

 

Deebisaa: Gaafiin tun gaafii fatwaatii mitii gaafii qadaa’ati. Qadaa’a jechuun qaadiin nama jidduu taa’ee dhimma warra lamaanituu dhageeffatee furmaata kenna. Obboleessi gaafii gaafate sababaa faskii godhaniif hin himne. Qaadiin irraa hiike sun sababaa maaliif akka irraa hiike hin dubanne. Kanaafuu fatwaa godhuu irra qaadii bira geessanii qaadiin dubbii tana laalutu irra gaari. Maaliif jennaan inni amma tama ufii qofa tolchee dubbata.  Warri kuunillee ta isaanii akkanatti tolchanii dubbatuutu mala. Obboleessi ammoo Rabbii isaa haa sodaatuu, badiin duraan irraa hiikaniif sun gama isaa irraa ta’uu mala. Kanaafuu qaadiin irraa hiike sun waa laaleeti irraa hiike. Eega qaadiin shari’aa islaamaa tokko dubbii takkatti seenee irraa hiike intalti ni hiikamti. Eega isiin hiikamtee ammallee namaa nikaha godhan, ammallee isii nikaha qabduu manatti galfadhe jedha. Kanaafuu dubbiin tun dubbii qadaa’aatii qaadii shari’aa bira dhaqaa. Biyyi isin jirtan biyya islaamaatii qaadii bira dhaqaa qaadiin isinii addaan haa baasuu. Ka asiin dura wajjiin jiraattan osoo deebii tiyya tana hin dhageeffanneen duratti yoo ilmoon dhalattee ilmoon sun ilmoo halaalati shubahadhaan dhalatte. Ati haga niitii tiyya jettee wajjiin galtu san diliin irraa sitti hin barreeffamtutu mala. Maaliif jennaan shubahadha. Shubaha jechuun namni tokko waa daliila godhatee wanni inni daliila godhate sun sirrii ta’uu malaa sirrii ta’uu dhabuun mala. Kanaafuu yoma ilmoonuu isin jidduu argamte ilmoon sun ilmoo zinaa hin jedhamtu. Dalagaan teessan ta as dura dabarsitan zinaadha hin jedhamuu eega namni sheekha fatwaa siif godhee nikahan keessan ni jira siin jedhee. Ammoo hardharraa irraa dhaabadhuu intalallee wajjiin hin jiraatin haga qaadii bira dhaqxanitti. Amma boodaa osoo qaadii bira hin dhaqin yoo walitti dabalamtanii ilmoon argamte, ilmoon sun ilmoo zinaa ta’a. kanaafuu Rabbii kankee sodaadhu intala san irraa dhaabbadhu. Qaadii bira dhaqii yoo qaadiin nikahan kee ni jira jedhee si murteesse keeyriidha. Yoo nikahan kankee bu’ee ka namticha boodaa santu jiraa  kankee bu’e siin jedhellee dubbiin ta qaadii san. Dubbiin dubbii fatwaatii mitii dubbii qaadiitii qaadii bira deemaa, yoo qaadii biyya sa’uudii ka sodaattan taate qaadii biyyaa biraa deemaa qaadiin dubbi tana laalee isinii addaan haa baasuu.

 

Sheikh Abdurahman Shariif

waan si dhibeef deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 53
Comments
Loading...