header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

283: Salaamtaa Islaamummaan gaafatame Afaan biraatiin deebisuun ni danda’amaa?

  • Home
  • Hawaasummaa
  • 283: Salaamtaa Islaamummaan gaafatame Afaan biraatiin deebisuun ni danda’amaa?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Namni tokko yoo Assalaamu Aleeykum Warahamtullaahi Wabarakaatuhu jedhe eegasi booda afaan oromootiin nageenyi Rabbii sirratti haa jiraatu jechuun ni danda’amaa?

 

 

Deebisaa: Yoo namtichi dhufee Assalaamu Aleeykum Warahamtullaahi Wabarakaatuhu jedhee, kuunis Wa’leeykum Assalaam Warahamtullaahi Wabarakaatuhu eega jedhee booda afaan kamiinuu yoo nagaya walgaafatan rakkoo hin qabu. Yoo ammoo Assalaamu Aleeykum Warahamtullaahi Wabarakaatuhu  ati jetteenii,  inni  afaan oromootiin nageenyi Rabbi sirratti haa jiraatu jedhee ka deebisu taate, sun hin ta’u. Maaliif jennaan shari’aan adaba salaamtaadhaa kaaye. Rabbiin SW qur’aana keessatti akki jedhe  yoo wal salaamtan, yoo wal jiraachiftan salaamtaadhaan fakkaataa akka sanii deebisaafii yookaan ta irra gaariitiin. Yoo namni tokko Assalaamu Aleeykum Warahamtullaahi Wabarakaatuhu siin jedhe Wa’leeykum Assalaam Warahamtullaahi Wabarakaatuhu jechutu barbaachisaadha. Inumaa nama dura Assalaamu Aleeykum Warahamtullaahi Wabarakaatuhu jedhuuf isaaf sunnaadha. Garuu namni deebisu sun Wa’leeykum Assalaam Warahamtullaahi Wabarakaatuhu jechuun isarratti dirqama, isarratti waajiba. Kanaafuu wanni barbaachisu Assalaamu Aleeykum Warahamtullaahi Wabarakaatuhu yoo jedhan Wa’leeykum Assalaam Warahamtullaahi Wabarakaatuhu jechuun akkasitti deebiftee yoo idaatefis humaa rakkoo hin qabuu ni gahaa. Garuu salaamtaa namni Assalaamu Aleeykum Warahamtullaahi Wabarakaatuhu siin jedhe ka afaan oromootiin deebiftu taate nama san waatu keessa jira, shari’aa islaamaa tana didutu keessa jira sun hin geettu shari’aa islaama keessatti waan gayaatii miti haraama.

 

 

Sheikh Abdurahman Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 152

Kanas dubbisi!

285: Dhiira ajnabiif nyaata dhiheessuun danda’amaa?
272: Nama muslima hin tahin waliin nyaata nyaachuun akkam?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button