header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

286: Hiriyyaan wal lolee araarame haala kamiin jiraatuu qaba?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Intala takkaan saahiba turree eegasii wal dhabnee, eega waldhabnee booda namni biraa wal nu taasisee. garuu akka durii sani saahibummaan teenya hin jirtuu maaltu nurra jiraa?

 

 

 

 

Deebisaa: Wanni godhuu qabdan, waliin ooduu dhiiftanii salaamtaa walirratti qara’uudha. Isin lamaan keessaa namni tokko nama kaanii bilbilee, hadiyyaa fi waan fakkaataa geessuun saahiba ofii ofitti qabuu qaba. Wal dhaba keessan irraanfatutu gaarii ta’a. Eega waliin ooduun hin jiraatin, amma wanni guddoon itti rarra’aa hin jiru. Yoo ammoo waliin ooduun jiraatte, guyyaa sadii ol ka wal hin salaamne,  ka wal hin dubbifne taate, sun haraama. Guyyaa sadii oli namni islaamaa waliin ooduun haraama. Akka gaafii isii irraa muldhatutti waliin ooduun hin jiruu garuu saahibummaa durii santu hin deebi’in. San ammoo isin keessa namni tokko saahibummaa san deebisuudhaaf tattaaffii godhuuf kilaafa xiqqaa isin jiddutti argame san dhabamsiisutu gaari.

 

 

Sheikh Abdurahman Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 257

Kanas dubbisi!

292: Horii haati warraa dalagdee fiddu nyaachuun taatii?
285: Dhiira ajnabiif nyaata dhiheessuun danda’amaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button