header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

291: Hojii dallaalaa irratti hirmaatuun danda’amaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ani dallaalaa nama fuudhaa bakka inni barbaadu geessaa horii fudhachuun ni danda’amaa? Karaa somaaleetiin haa ta’uu, karaa Jibuutiitiin haa ta’uu, karaa misraatiin haa ta’u karaa Afriikaa Kibbaatiin haa ta’uu ni danda’amaa?

 

 

 

Deebisaa: Tahariiba jedhama afaan arabaatiin. Tahariiba jechuun ka amma ijoollee baharatti dhumtu kana. Safarrinuu safara haraamaati. San daran rakkoon warri dallaalaa qabu, nama tokkoon waan takkarratti wal ta’anii, waan irratti wal ta’an san hin guutaniif. Kanaafuu karaa sanitti horii fudhatanii nyaatuun haraama. Silaa asilitti dallaalli shuruuxa isaa yoo guute halaala ta’a. shuruuxa qabaa yoo shuruuxa san guuttate. Garuu shuruuxni amma nama ijoollee islaamaa fuudhanii bishaaniifii bakka itti halaakaman hundatti darban kun, safarri sunillee safara haraamaatii horiin irraa fudhatanilleen haraama. Rabbii kankee sodaadhu ka dabreefillee Rabbiin toowbaa gaafadhuu ammaafillee hujii san ufirraa dhiisi. Maaliif jennaan safarrummaan ala deeman jedhanii ijoollee fuudhanii halaakatti darban kun walii galatti osoo kana kana hin jenne cufti isaatuu haraama. Maaliif lubbuu halaaka godhutu keessa jiraa, baallamallee hin guutan. Osoo ballamallee guutanii lubbuu halaakutu keessa jira. Rabbiin maal jedha quraana keessatti, lubbuu teessan harka keessaniin halaakatti uf hin darbinaa jedha Rabbiin (SW). kanaafuu ilmaan islaama fuudhanii akkasitti bishaanitti naqanii nama fixuun kun haraama lubbuu ajjeesuudha ta’a. Ijoollemmaan islaamaatuu karaa baharaa saniin awurooppaa deema jedhee deemuun haraama. Imallummaan sunuu imala haraamati, salaata keessatti gabaabsuun hin danda’amuu imalummaan sunuu imala maasiyaa Rabbiiti, imala halaakaati, ka dalaguuf ijoolleenillee irraa dhabadhaa isiniin jedhaa. Rabbiin SW bakka jirtu hundatti si razzaqaa.

 

Sheikh Abdurahman Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 235

Kanas dubbisi!

293: Yeroo beelawan soorata kaafiraa nyaatuun taatii?
290: Nama of ajjeese irratti salaatuun taatii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button