header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

320: Namni tokko Seera malee dallaala ta’ee yoo horii fudhate akkami?

  • Home
  • Dubartii
  • 320: Namni tokko Seera malee dallaala ta’ee yoo horii fudhate akkami?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Lafa Arabaa keessatti rakkotu harkaa nu qabaa, dubra yoo namni tokko horii harkaa fudhatee dallaala ta’ee akka nama maktabaa banateetitti, maktabaa hin banannee  Arabnillee hin beeytuu akkasitti ka’ee horii dubartii irraa guurataa horiin akkanaa kun akkamii?

 

 

 

Deebisaa: Shari’aan Rabbii guddaa hin hayyamtu. Ta duraa dubartiin ruksaa Rabbii malee manaa bahuun, mahrama malee manaa bahuun diliidha. Achumattuu mana kaanii baasanii mana kaan oofuufuu waan jibbamaa hagas geettuuf dallansuu Rabbii ta hagas geettutu dalagamutti jira. Kanaaf namni dhiiraa ka Rabbi sodaatu, akka dubra mana namaa hojjattu jidduu seenee, telefoona isii barbaadee, fitnaa dubartitti fidee, bakka isiin jirtullee baasee, kaanillee achii guuree, fitnaa akkanaatiin horii itti argachuuf ka olii gad oofan kana Rabbiin sodaatanii haa dhiisan. Dubartoonnilleen Rabbi guddaa sodaatanii nama ajnabii ta’e hundaa ufirraa haa dhoowwan. Namni isaan hin beeyne yoo telefoona isaanitti dhahe akka aakiraa isaanii gubuudhaaf telefoona isaanitti dhahe beekanii ufirraa haa dhaaban. Itti hin dubbatin jalaallee hin fuudhin. Yaa dubartoota islaamaa ta qabriin si eeggatu ka aakiraan si eeggattu, ta siraaxi si eeggatu, telefoona kankee nama hin beeyne ka dhiiraatii hin kennin. Yoma gaafii gaafattuu sheekha gaafii gaafattuu telefoona kankee dhossii private godhii gaafii gaafadhu. Telefoona kankee nama tokkoo hin kennin maatii kankee malee. Yaa ummata shabaabaa yaa ummata dhiiraa telefoona dubartootaa hin barbaadinaa, dubartoota olii gad hin oofinaa, rizqii teessan halaala keessa barbaadadhaa. Haraamaan qaamni keessan margee, waan Rabbiin hin jaalanneen qaamni keessan gabbatee ibaadaan godhanillee, mana baharii irratti ijaaramee beekaa.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 252

Kanas dubbisi!

323: Nikaahni Waliyyii malee godhamaa?
317: Namni wal dhabee wal buruqse akkam godha
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button