header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

315: Salaata gabaabsuu fi karaan itti gabaabsan akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Salaata gabaabsuun kun akkamii, karaan itti gabaabsanillee akkami?

 

 

Deebisaa: Salaanni gabaabsani salaatuma sadi qofa. Salaata zuhrii, Asriifii salaata ishaa’iiti. Magriibaaf subhiin hin gabaabsamu. Karaan itti gabaabsanis nama tokko maqaan musaafirummaa yoo isa qabatte gabaabsuu danda’a. Ulamaa irraa warra kilomeetira 25 jedhetu jira, kilomeetira 25 mana kee irraa yoo fagaatte, musaafira ta’uu dandeettaa jedhan. Garuu irra guddaan ulamaa wanni jedhan namni tokko yeroo mana isaatii bahu, safara deemutti jira jechaan, yoo maqaa safaraatiin manaa bahe, yoo inni jogola biyya isaa irraa baheeyyuu musaafira jedhaama jedhan. kama inni mana ufii kuunnoo gamatti argutti jiru sabaabaa inni ufduratti karaa dheertuu deemaa jiruuf jecha. Namni gariin km 85 jedhaa namni gariin km 25 jedhaa kilaafa ulamaa jiddutti ni jirtii. Namni musaafira imala isaa salaata gabaabsuun jalqaba. Jami’ii godhuu numa taati. Biyyattis yeroo tokko tokko, asriif zuhriin waliin jami’ii godhamaa magrhiibaaf ishaa’iin waliin jami’ii godhama. Yoo magriibaaf ishaa’ii taate sadeen ufii salaataniituma ishaahii lamaan itti dabalatani. Yoo zuhriif asrii taate azaana tokkoof iqaamaa lamaan salaatan.

 

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 150

Kanas dubbisi!

321: Salaanni Sunnaa hagam?
314: Fira dhihoo malee, intalti Hajjii godhuun akkam
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button