header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

321: Salaanni Sunnaa hagam?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Salaanni sunnaa hagam?

 

 

 

Deebisaa: Salaanni waajibaa shanii, salanni sunnaan rasmiidhaan, raaxibummaadhaan beekame raka’aa kudha lama. Ka Rasuulli Rabbii ? namni guyyatti raka’aa kudha lama salaate jannata keessatti Rabbi mana ijaaraaf jedhan. Subhii dura lama, zuhrii dura Afur, zuhrii booda lama, magriiba boodaa fii ishaa’ii booda Afur. Kudha lamman kanatu jaallatama. Hadiisni biraa ka jedhu namni zuhrii dura afur salaatee, zuhrii boodallee afur salaate guyyaa qiyaamaa Rabbiin fuula isaa ibiddarraa fageessa jedha. Namni subhii dura raka’aa lama eeggate, waan bahaaf seensa jidduu jiru argachurra subhii dura raka’aa lama salaatanii dhaqabachutu irra caalaa jedha. Riwaayaan biraa asrii dura namni raka’a afur salaate, guyyaa fuulli namaa dukkanooftu, Guyyaa qiyaamaa, Rabbi fuula isaa haa ibsuu jedhe Rasuulli Rabbi ?. Keeyriin akkanaa kun karaa adda addaatiin dhufee jiraa kana hundattuu dalaguun barbaachisaadha. Kan birattillee namni masjiida ol seene sunnaa masjiidaa salaatuun waajibaa yoo harama taate malee. Haramni Makkaa, Kaabaan raka’ateeynii mitii xawaafa goota. Yoo ammoo zahamaaf karaa seenaniin dhabde raka’ateeynima salaatta sanillee. Ka biraallee sunnatal wuduu’atu jiraa, sunnaa wuduu’aa yoo wudu’atinillee ni jirtii. Ammoo ka salaata shananiitiif sunnaan lafa kaayamte akka amma dubbanne kanatti lafa jirti.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 194

Kanas dubbisi!

326: Salaata keessa qubaan waa namatti himuun taatii?
315: Salaata gabaabsuu fi karaan itti gabaabsan akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button