header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

323: Nikaahni Waliyyii malee godhamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Nikahan waliyyii malee namaa godhamu kun akkam? sheekhotii ganda keessaatu nuuf godhaa, rakkoon adda addaa nu mudatee sheekhotima argine tokkoon nikaha nuu godhaa jennaa akkami nikahan waliyyii malee godhamu?

 

 

 

Deebisaa: Nikayni waliyyi malee godhamtu nikayaa miti zinaadha, maqaa nikahaa itti hin basinaa. Namni an sheekha jedhaa, intala namni itti cabee guddisee, ilmoo tiyya jedhee guyyaa eeggatu nikaya godhu, Rabbi haa sodaatu.Yoo ka beeku taate intala namaa zinaadhaan walitti dabarsuu haayyama godhaafii jira. Zinaa akka gootan hardharraa isinii hayyamee jechu ta’a. Rabbi haa sodaatuu ka rizqii diqqoo jecha akkana godhu. Akkasuma intalti, namni Abbaa isii hin ta’in, obboleessa isii hin ta’in, Akaakoo isii hin ta’in, Abbeeraa isii hin ta’in, eeysuma hin ta’in yoo nikaya isii godhe, nikayni wayiituu hin jiru. Kanaafuu Rabbi haa sodaannu. Zinaan lafa balleesutti jirti. Musiibaan Rabbii bu’utti jira, dallansuun Rabbii guddachutti jirti. Obboleeyyan Rabbi haa sodaannu.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 251

Kanas dubbisi!

324: Dhiigni aadaa yoo namatti dhufe, dawaan ofirraa dhoowwuun taatii?
320: Namni tokko Seera malee dallaala ta’ee yoo horii fudhate akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button