header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

335: Hajjiin akkamitti harramatan?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Hajjii deemuufin deemaa akkamittin harramadhaa?

 

 

 

 

Deebisaa: Hajjii hiraamni isaa sadi. Yoo hajjii qofa niyyattee naweeytul hajja jettellee ni ta’a. Yoo hajjiifi umraa waliin niyyadha jette tamattu’a jedhamaa qooda sadan keessaa kanatu irra caala. Labbeykallahumma umratal jettee, ji’a hajjii keessa umraadhuma niyyattee deemtee dhayxee dalagaa umraa fixattee, eegasii guyyaa saddeetii ka Zulhijjaa eeggattee, akka warra Makkaatti; Makkarraa guyyaa saddeetii ka zulhijjaa harramattee gara Minaa deemta. Kanaafuu santu irra bareedaadhaa. Kaan ammoo umraa fi hajjii waliin niyyattee umraaf labbeeykallahuma hajjatal wa umraa jettee niyyattee eegasii dhayxee hujii umraa dalaydee uffata iraama keetii osoo hin baafne haga hajjii guyyaa kudha sadihii dhumatutti yookii guyyaan kudhanii sun dhumatutti hajjii tanteetiin eeggatta jechudha. Kanaafuu ka dura umraa gootee irraa hiikkattee uffata keetti deebitee Makka keessa qubattee eegasii guyyaa hajjii namni harramatu zulhijjaa guyyaa saddeetii san harramattee gara mina yaatu santu irra siif jiraa bakka irraa harramatan irraa harramattee jechudha.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 114

Kanas dubbisi!

341: Hajjii namni deemuu fedhu, bakka kamirraa harramata?
327: Nama du’erraa umraa godhuun taatii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button