347: Seerri Laa Ilaaha Illallaah jechuudhaa maali?

Estimated reading time: 4 min

Gaafii: Akkuma laa ilaah illallaah jedhaniin laa ilaaha illallaah namaa fayyaa taati moo sila laa ilaah illallaah tunuu seera ufii qabdi moo?

 

 

 

 

Deebisaa: Gaafii gabaabduu gaafatee deebiin isii kitaaba fuula dhibba shaniifi torba dubbata. Mee kitaaba fuula dhibba shanii akkamitti asirratti qaraanaaf? Ammoo inuma qaraanaaf. Ta duraa  laa ilaah illallaah afaaniin jedhaniif bakka nama hin geessullee, ibidda irraa nagaha nama hin baaftullee, islaama nama hin gootulle. Abbaan fedhe ka islaama hin ta’in yoo inni ka’ee laa ilaah illallaah Muhammadurrasuulullaah tolchee qara’e islaama hin taane. Maaliif hin taane yoo jettan seera laa ilaah illallaahaan qabdu guutu malee hin taatuuf. Ulamaan gariin wanni jedhan laa ilaaha illahaa Muhaammadurrasuulullaah jechuun dirreen isiin itti taqabbalamtu takkattumaa jedhan. Dirreen sun kam jennaan dirree waraanaa irratti. Warra seeyfii walirratti ol fuudhee akkuma gaafa Rasuulaa kaan wal lolee dirree jihaadaa irratti fiisabiilillaah keessatti. Yoo ati seeyfii itti olfuute, yoo qawwee fuutee matatti qajeelchite laa ilaa illallah Muhammadurrasuulullaah yoo inni jedhe irraa oolchita jechu. Maaliif jennaan jechatti tanaan lubbuu isaa baasuuf gama islaamummaa deebi’uu isaa ibsuu wanni inni danda’uun jecha kana qofa. Salaanni ganaa, ibaadaan gana. Fudhate moo hin fudhanneen, dhuga moo sobaan ganaadha. Garu akka hadiisa Usaama keessatti beektan, isumaa laa ilaah illallah jedhee booda ajjeeftee, mee laa ilaaha illallahan nama kanaa yoo guyyaa qiyaama dhufte akkam gootaa jedhaniin Ergamaan Rabbii ﷺ. Dubbii jajjabduu taate gaafa san sahabaa keessatti. Kanaafuu dirree waraana qofa irratti lafziin laa ilaah illallaah Muhammadurrasuulullah inni jedhe dhugaanuu haa jedhuu kijibaanuu haa jedhuu seeyfii namarraa deebifti. Garuu sanii asitti dirree biraa keessatti, jiruu biraa keessatti abbaan fedhe yoo ka’ee namummaan ati islaama ta’uu isaa hin beeyne, takkii ka islaamummaa hin qabuu ati beeytu, laa ilaah illallaah Muhaammadurrasuulallahaa yoo inni ka’ee taphumaa jedhe, akkuma ijoolleen diinirraa humaa hin beeyne ka islaama hin ta’in yeroo hedduu taphattu tana laa ilaah illallaahaan humaa isin hin fayyadne. Dhugaan islaamuu yoo ka feetu taate laa ilaah illallaahaan seera qabdii jennee itti himna jechu. Waan laa ilaah illallah tokko gaafatamee waan jedhe jedhan; nama waan laa ilaah illallaah qaraasisutti jiruun waan jedheen “maal waan laa ilaah illallah nutti guddisaa ooltee laa ilaah illallaahaan eega isiin qulfii jannataa taate laa ilaaha illallaah jenneetuma jannata seenuu malee maaltu hafee dubbii nutti guddisaa ooltaa jedheen sheekhichaan. Ee dhugaa keeti sun qulfii jannataatillee garuu qulfiin marti ilkaan qabaa quba qabaadhu jedheen. Qulfiin marti mana mara hin banu. Kanaaf laa ilaah illallaah qulfiin isii ilkaan isiin mana jannata namaa bantuu saddeeti jechaa ulamaan lafa kaayan. Tokkoffaan duraa, sharxii laa ilaaha illallah beekuudhaa, laa ilaaha illallaahaadhuma tanaa maa’naa isii beekuudhaa, laa ilaah ka dhugaan gabbaramu hin jiru jechuudhaan dhabamsiistee illallaah haqaan ka gabbaramu Rabbi qofa jechuu beekuu keeti. Yoo laa ilaaha jettu kana haga illallaah itti hin darin dura waan Rabbii gaditti jiru  hunda dhabamsiifte jechu. Mukaa dhagaa, awliyaa, qabrii, jinnii, sheyxaana, maleeykaa fi waan silaa namni yaammatu Rabbii gaditti, ka lubbuu qabuuf ka lubbuu hin qabne cufa dhabamsiistee jirta jechu. Illallaah sabachiisuuf deemta, Allaah keenya uumaa samiif ardii ka bishaan irraa nu uume malee ka biraa tokkollee hin jirtuu bar ka dhugaan gabbaramu jechu. Akkasi jechuu kee beekuun dirqama. Tokkoffaa duraa maa’naa isii akkana ta’uu beekuudhaa jenne. Lammaffaan waan jette kana yaqiinfachuudha. Akka shakkiin takka sana booda sitti hin seenne. Waan Rabbiin guddaan sirraa fedhuufiii ajaja inni sitti kenneef waan qur’aanaaf hadiisaan sitti himan mara akka shakkiin tokko sitti hin seenne fudhachu. Dhugaa wanni kun waan Rabbii guddaati, dhugaa haqqii Rabbiin nuu dabarse, jiruu teenya diiniif addunyaati aakiraati jettee yaqiinfachuudha. Sadaffaan waan jettee yaqiinfatte kan maa’naa isii beekte kana qulqulleessuudha. Yeroo dubbattullee yoo daa’waa taate, yoo qur’aana qara’uu taate, yoo homa feete afaaniin dubbatte qulqulleessi jetti. Yoo nafaan hujii hojjatte, akka salaataa, akka soomaa, akka hajjii, Rabbiif qulqulleessii ibaadaa tana Rabbuma qofaaf niyyadhe jedhi. Haa na arganii, gurra barbaada, maqaa barbaada, horii itti barbaada hin niyyatin. waan dubbattuuf waan hojjattu keessatti Rabbiif qulqulleessi jedhe. Akka qulqulleessaa kana biratti shirkiin si hin qabanne, nama wayiitii itti manxansuun akka hin dhufne, awliyaadhaa maxxansuun akka hin dhufne, yaammachuu keessatti, kadhachuu keessatti, sodaachuu keessatti, silata godhuu keessatti, homa mara keessattuu akka waan ati Rabbiif dubbatte waan ati Rabbiif jecha hojjattu ibaadaa tana akka namni tokko qooda keessaa hin arganne Rabbi qofaa qulqulleessudha.  Afraffaan qalbiidhaan dhugeessii waan sitti himanillee dhugatti fudhadhu hin kijibsiisin jechu. Yoo haqiiqaa aakiraa irraa waa sitti himan, yoo haqiiqaa qabrii irraa waa sitti himan, waan Rabbiif Rasuulli siin jedhe keessatti haqiiqaa dhugaa dhugeessudhaa. Hattaa yoo saykolojiin kee hin fudhanne taatellee. Waan baruumsa kee ka addunyaatiin walitti hidhaa qabu, akka doktorri tokko tiisisa aanan keessa buute ykn buna keessa buute gad dabarsaatii eegasiii deebisaa keessa dabarsaa gataa dhugaa humaa rakkoo hin qabduu kooluun isii tokko summii qabaa ka lammataa ammo dawaa qabaa jechaa hadiisni dubbate. Hadiisa akkanaa Rasuulli ﷺ hin dubbatuu yoo dubbatellee dhugaa mitii jedhe doktortichi. Maaliif jennaan akka tiisisni dhukkuba adda addaa dabarsitu biyya awurooppaa fi ameerikaatti qaraanee jirraa jedhe. Doktortichi doktora islaamaati beeki, doktora silaa shari’aa qara’etu, garuu qara’uu qofaa miti dubbiin yaqiinfachuufii Rabbi sodaatanii dhugeeffachuu barbaachisa. Dubbiin kanaaf doktortichi hadiisa kanaan kafare. Jecha Rasuula Rabbii ﷺ kijibsiise. Ka Rabbiin guddaan yoo inni dubbatellee yaada ufii irraa hin dubbanne Nabi Muhammad ﷺ ergaa keenna dubbatee fudhadhaa Rabbi jedhee Ragaa baheef sana doktortichi kijibsiisee. Kanaaf waan sitti himan waan dhageesse ka dhugaa Rabbii fi Rasuula irraa sitti himame dhugeeffachuu qabda. Shanaffaan waan dhugeeffatte waan yaqiinfatte kana waan maa’naa isaa beeyte,  waan Rabbii qulqulleessite kana hunda isaa jaalalaan hojjachuudha. Uf jibbaa, azaana dhageenyaan sila qiyaamatu dhiyaatee ammuma zuhrii salaannee asriin ka maali ammoo hin jedhin. Homa xiqqoo afaan keessa nama baatu kana hifannaan qalbirraa ibaadaaf sitti hin dhufin. Rabbii zuhrirraa qabee nagayaan asriin si gahe irraanfattee waan daqiiqaa afur keessatti dhumattu hifattaa? Akkasi hin godhiin yaa obboleessa yaa obboleetti waan hojjattu jaalalaan hojjadhu, gammachuun hojjadhu jedha. Jibbaa diiiniif qaban, jibbaa warra diiniitiif qaban uf keessa hanbisanii Rabbii qulqullaahuun maa’naa laa ilaah illallah kenniti. Kanaaf seera laa ilaah illallah keessatti jaalalti hojiidhaa jaalalti ibaadaa jaalatamaadha. Jahaffaan waan jenne kana mara jala masakamtee itti butamtee dalagu. eega dhugoomsattee yoo kaatee hujiin hin argamsiisin humaa maa’naa takkallee hin qabdu. Kanaaf amrii Rabbiitiif butamuudha. Butamuu qabda masakamuufii qabda. Kanaaf yeroo feete salaataa yeroo feete diduu, yeroo feete soomanaa yeroo feete cabsuun hin barbaachisuu jala butamii akka gabrichi Rabbii gooftaa butamutti masakamiifii fudhadhuu jedha. Torbaffaan qeebaluudha. Waan sitti himan, haqqii sitti himan qeebaluun dirqama. Akka inni siin jedhetti fudhattee jala deemuun jaalala kanaaf qeebaluun dirqama. Kanaaf tartiiba kanaan beekanii isii taqabalanii jaallatanii fudhatanii jala deemuun kun haqiiqaa tartiiba sharxii laa ilaah illallah torban yookaa saddeettan keessatti argamtuu. Saddeettaffaan jedhan ulamaan gariin, waan isii tana diigu hunda itti kafaruudhaa. Rabbiin guddaan qur’aana keessatti natti amanaa qofaan hin jalqabne, Rabbiin waan jedhe  waan naa gaditti gabbaran cufa yoo itti kafartan, eegasii Rabbii keessan tokko qofatti amantan egaasii dhugaan haada hin cinne qabattanii jedha Rabbiin guddaan. Nama cinaacha gamaa gamanatti waa qabataa, awliyaa fi jinni jalatti qabataa yaa Rabbi atillee mee bira naa jiraadhu jedhanii itti dabalan hin taatu. Anatu isinii gahaadha namni narratti irkattan jedhe Rabbiin guddaan. Tartiibni Laa ilaah illallah seerri isii kitaaba gahaa ta’e fudhatanii tartiiba gayaa ta’e fudhatanii akka Rabbiin (SW) namarraa jaalatutti diinii Rabbii jala deemuudhaan wanni nama jalaa haftellee wanna haala adda addaatiin nama mudatullee keessa baldhisanii baratu.

 

 

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

waan si dhibeef deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 129
Comments
Loading...