header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

318: Rabbii guddaan maaliif “Sihi” jenna?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Rabbii guddaan maaliif isin hin jenneen? SI jedhaa maaliif oollaa? Rabbii guddaa kabajuufii Rabbii guddaa olfuudhuu barbaachisa.

 

 

 

 

Deebisaa: Rabbii guddaa wanni kabajaniin maqaa qofaa miti. Rabbiin guddaa wanni inni ol guddataa deemuu fi gad xiqqaataa deemuu jedhamu hin jiru. Rabbiif jalqaba isaatiifillee jalqabni hin jiru; xumura maayyii isaatiifillee maayyiin hin jirtu. Kanaaf maqaa tokkicha fudhate. Ulfinni Rabbiif kennan, kabajaan Rabbiif malu, ibaadaa isaatii fi zikrii isaatii fi, waan inni jaalatu dalaguu fi bakka inni jaalatutti argamu. Bakka inni irraa nu dhoowwe irraa dhoowwamnee ganda inni itti nu arguu hin feene san irraa oolu. Santu Rabbiif ulfinaa, Rabbiif kabajaa. Kanaaf Rabbiin (SW) zabuuri irratti Nabi Daawud (AS) irratti wanni buusee jiru; Rabbii kankee irraa maaf hin qaanfannee jedhe, maaliif Rabbii kankee ufirratti quba hin qabaannee jedhe. Osoo namni ati kabajju, ka jaallattu tokko bakka hin malle tokkotti si argee qaanfannaa guddoo qaanfatta. Rabbiin kankee nama Sanaa gad sitti xiqqaateehii? Rabbii kankee akka nama akka kankeetii tokko ulfeessitu sanii gaditti maaf xiqqeessitaa. Rabbi xiqqeessuu jechuun osoo inni si laaluu maasiyaa dalagu. Namni ati kabajju osoo si laalaa jiraatee maasiyaa hin dalagdu. Rabbii guddaa, ka inni si argaa jiru, ka inni hin mugne san, osoo inni si laalu maasiyaa dalaguun, Rabbi xiqqeessuudha. Wanti Nabi Daawud (AS) irratti, Zabuur keessatti buufamee, xiqqeenyatti laakkawame, isa kana jechutu jira. Yeroo kophaa kankee deemtu ka namni si argutti hin jirre, yeroo dukkana keessa jirtu, yeroo mana kankee cufattee gola keessa kophaa teessu, Rabbuma kankee ufirratti sodaadhu.

 

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 122

Kanas dubbisi!

347: Seerri Laa Ilaaha Illallaah jechuudhaa maali?
309: Waan of dura dhufu beekuun shirkitti laakkawamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button