header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

360: Qarshiin teelee irraa liqeeffatan akkamitti laallama?

Estimated reading time: 1 min

Deebisaa: Teeleen qarshii hin liqeessu. Namni heddu akkasitti yaada. Kun hubannoo dogongoraati. Wanti teeleen nama kennu Air time ykn kaardii moobaayilaati. Kaardii birrii dhibbaan bitamu manatti sii erga. Achi booda birrii 105 naa kafalta siin jedha. Kuni kafaltii tajaajilaati. Tajaajila saniif kafaltii si gaafachutti jira malee, birrii sii liqeessee birrii san irratti waan biroo dabalee hin gaafanne. Birriin teelee ka kiisha kee keessa seene hin jiru. Kuni liqii osoo hin taane gurgurtaa Duubee/Huunjootti lakkaawama. Haa tahullee ammoo, tajaajila siif kenne qaba. Waa sii baatee manatti dhufe. Ati osoo kaardii san bitachuu barbaaddee, manaa deemtee suuqii deemuu qabda. Ykn bakka biiroon teelee jiru deemuu qabda. Karaa san sii gabaabse. Ati hin deemini anatu manatti sii fida siin jedhe. saniif ammoo kafaltii tajaajilaa siif kenne. Birriin itti dabaltee kafatu sun ta khidmaa/Tajajila isaati. Kaardii san manatti siif fiduu saniif si gaafate. Kun haraamummaa hin qabu. Ribaallee miti.

Sheikh Muhammad Haamiddiin


Ibsa Dabalataa: (Teknoolojiin teelee yeroorraa yerotti jijjiirama. Fatwaan kun haala amma dura teeleen itti hojjataa turerratti hundaayuun deebisaan itti kenname. Yeroo ammaa ykn if dura haalli teeleen itti hojjatu jijjiiramuu mala. Kanaafuu dhimma kanarratti haala yeroo irratti hundaayanii if eeggannoo godhuu barbaachisa. Dabalataan yeroo ammaa kana wanti Mobile Banking jedhamu dhufee jira. Fatwaan Mobile Banking as keessa hin seenu. Saniif in shaa Allaah if duratti deebisaa ulamaa’ii isiniif dhiheessina. Gaafiin kun dhimma Air time ykn data bitachuu qofarratti hundaaya)

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 9
Views: 1867

Kanas dubbisi!

384: Ajnabii wojjiin haasawni dheeraan akkam?
348: Waajiba, Arkaanaa fi Sunnaan Salaataa akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button