header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

348: Waajiba, Arkaanaa fi Sunnaan Salaataa akkami?

Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Sunnaa salaataallee, waajiba salaataallee, arkaana salaatallee nuu himaa?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Sunnaan salaataa lamatti qoodamti; tokko ka hujiiti, tokko immoo ka jechaati. Wanni sunana jadhan ka hujiidhaan hojjatamtu salaata keessatti sunnaa salaataati wanni jedhan, ka yoo isii dhiisan salaata namaa hin balleessine, akka waajibaataa fa’a, yookaan akka arkaanaa fa’a, ka salaata namaa hin balleessinee jechu. Sunnaan jechaan dubbatamtu ammoo gara kudha torbaatti qoodamtii sunillee takbiiratal Ihiraami jalaa hambisanii eega takbiiratal ihiraamiitii jechu, takbiiraa allahu akubar duraa malee jechu, ka allahu akbar jedhanii gad-jedhanii jilba qabatan, ka sami’Allahu liman hamida jedhan, ka akkasuma ruku’aaf sujuuda jidduu jedhan, ka sujuuda lamaan jiddutti jedhan kun marti isaatuu gara sunana salaataatti deema. Fakkeenyaaf arkaana salaataa yoo fudhanne kudhanii afur jedhan ulamaan islaamaa; tokkoffaan duraa dhaabbachuu danda’uudha. Nama dandeetti qabu dhaabbatu malee salaanni irraa hin fuudhamtu. Eega dhaabbatee harka isaa ol fuudhee ceekutti qajeelfatee harka isaa ka mirgaa bitaa irra kaayatee walumaan qomarra kaayachuudha. Sadaffaan faatihaa qara’uudhaa, nama faatihaa qara’uu danda’u. Garuu namni amma shahaadaa qabatee amma islaamummaa seene ammatti waan haffazuu hin dandeenneef haguma namni dhaabbatu namaan waliin dhaabbata. Ulamaan gariin subahaan allah, wal alhamdulillaa wala ilaaha illallahaa wallahu akubar hogguma sanitti baratee bakka kana kana haa qara’uu jedhan bakka faatihaa. Kanaafuu dirqamni salaataa faatihaa qara’uu danda’uudha faatihaa qara’an malee salaanni namaa fayyaa hin taatu. Afraffaan ruku’a deemuudha, shanaffaan ruku’a irraa ol godhachudha, ruku’arratti mataaf duyda wal qixxeessuu qaba yoo olgodhatullee haga lafeen isaa marti bakkatti deebitutti oldhaabbattee ol godhatee sami’Allaahu liman hamida jechuu qaba. Namni akkas hin goone sami’Allahu liman hamida jedhee mataa qofa ol darbatee dhaqee mataa lafaan tuqu salaata wayiituu hin salaannee ufumaa wayitii gubaa jirta. Jahaffaan irraa olgodhatanii Rabbanaa walakal hamda hamdan kasiiran, xayyiban, mubaarakan fiihi jechu. Torbaffaan sujuuda godhuudhaa; lafee torbaaniin sujuuduudha. Namni hedduun lafee torba dhiisii sadiifi afuriinuu sujuudaa hinjiru. Miila lamaan olqabee jira, funyaan isaa lafarra ol qabee mataan lafatti dhaabbatee jira, gariin namaa sujuuda keessa uf hooqqataa harki tokko fuudhee dudda hooqqataa jira. Lafeen torban funyaaniif addi tokko waliin lafa qabachuu qabdi, harki lamaan shanachi lafa qabachuu qaba, ka qubni walitti manxantee qiiblatti deebite; namni gariin harka qiiblaa irraa garagalchee gama bitaatiif mirgaa garagalchee sujuuda akkuma isaa taatetti sujuuda jechu. Kun hundinuu beekkumsaan dalagamuu qabdii jechu. Jilba lamaan itti dabalaa, qubbeen miilaa lamaan qiiblatti garagalchanii miila ufii walitti manxanfatanii sujuuduun torban kanaan namni tokko sujuuduun dirqamatu isarra jira. Saddeetaffaan sujuudarraa ol godhachuudhaa, saaglaffaan sujuuda lamaan jidduu taa’ee Rabbiin (SW) istighfaara godhee kadhachuudhaa. kurnaffaan waan amma dubbanne kana mara isii sabaataafii irratti ragga’ee hubatee hubannaan godhuudha. Kudha tokkoffaan tashahhuda maayyiiti tashahuda xumuraa jechuudha. kudha lammaffaan tashahhuda san qara’uudha. kudha sadaffaa Assalaamu aleeykum warahamtullaahi wabarakaatuhu ka duraa jechuudha. kudha afraffaan waan amma dubbanne tartiibaan fiduudha. Waajibaanni salaataallee saddeetii; tokkoffaan duraa Allahu Akbarii sami’Allahu liman hamida duratti jedhan. Eega takbiratal ihraamii irraa bahee booda Allahu Akbariin cufti isiituu waajibaata salaataa keessa jirti. lammaffaan sami’Allaahu liman hamida.  Sadaffaan  Rabbanaa walakal hamd, hamdan kasiiran, xayyiban, mubaarakan fiihi dha. Afraffaan subahana Rabbiyal aziim, takkaahuu subaanakallaahumma Rabbaanaa wabi hamdika Allahumma igifrilli jechuudha. Shanaffaan subhaana Rabbiyal a’la dha. Jahaffaan Rabbigfrilii sujuuda lamaan jiddutti jechuudha. Torbaffaan Attahiyyatuu duraa taa’uudha. Saddeettaffaan qara’uudhaa. Yoo fakkeenyaaf attahiyyatuu duraa kana irraanfatee namni tokko ol ka’e itti deebi’uun dirqamaa miti yoo qajeelee dhaabbatee jiraate sujuuda lamaanii xumuruu danda’a sujuudusahawhiidhaan boodarratti xumurachuu danda’aa. Eega Allahu Akbar jedhee booda wanni jedhamuu qabu du’aa’ii seensa salaataa jedhama. subhaanaka Allaahumma wabi hamdika watabaarakasmuka wata’aalaa jadduka walaa ilaaha gheeyruka ka jedhu irra gabaaba isaatii eega Allahu Akbar jedhee booda osoo faatihaa hin qara’in dura isii tana qara’uun tokkoffadha, sunnaa salaataati jenne. Lammaffan a’uuzuun jalqabuudhaa, sadaffaan Bismillaah jalqabuudhaa, arfaffaan aamiin jechuudha iimaaman waliin shanaffan eega faatihaa qaraate suuraa qara’udha jahaffan waan Rabbi si barsiise kana tartiibaan oofuudha sunnaa Rasuula Rabbii ? jireessudha jechu.

 

 

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 2308

Kanas dubbisi!

360: Qarshiin teelee irraa liqeeffatan akkamitti laallama?
330: Nama haraama dalagu kaddamuun hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button