header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

370: Sharxiin nikahni intala takkaa itti godhamu maali?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: intalti dhalaa takka heerumuudhaaf sharxiin nikahni itti godhamu maali?

 

 

 

 

 

Deebisaa: intalti dhalaa takka heerumuudhaaf yoo diqqaatte heeraa fi seerri  afur  ta duraa intalti heerumtuufi gurbaan fuudhu beekkamu kunoo gurbaan kun abalu ka fuudhu “yuusufi” ka heerumtu “aasha ” fakkeenyaaf . Maqaan nama sanii beekkamu  lammeeysaan abbaan intalaa gurbaa intala tana fuudhuun takkaahuu gurbaan intala tana fuudhu bakka buufatu , abbaan kennu intala kennu intala tiyya abaluu abaluu maqaa dhawee mahrii hangana irratti karaa rabbii rasuulii ? irratti sii heerumsiise. Takkuma ka jedhan namni irra hedduun worra lamaafi sadi itti jabeessaa jedhutu jira hukmii shari’aa keeysa hin jirtu jedhanillee rakkoon hin jirtu . sii heerumsiisee fi sirraa qeebaladheen bakka tana jiraachuu qabdi . Sadeeysaan  namni lama ragaan jiraachu . Afreeysaan millaan jara lamaan kanaa tokko tahu , ilmi muslimaa tokko intala muslimaa, intalti muslimaa tokko ilma muslimaa. Intalti muslimaa tokko kaafiraa wojjiin nikaan hin hidhamu tanaaf jecha bakka tanatti heera kana namni eeggachuudha qaba jechu

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 327

Kanas dubbisi!

371: Dhiira tokko wonni fuudha isaa dura dhaabbatu jirtii?
369: Dhalaan if kennuu (if heerumsiisuu) dandeessii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button