header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

412: Dubartiin rifeensa isaanii ol fuudhanii hidhuun ni ta’aa?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii : Dubartiin gariin wayta niqaaba uffachuuf deeman rifeensa isaanii kana olfuudhanii hidhanii; rifeensa isaanii ol fuudhanii hidhuun ni ta’aa?

 

 

 

 

 

Deebisaa : Rifeensa ul fuudhanii hidhuun hin ta’u. Maaliif jennaan Rasuulli Rabbii ? ummata lama ani hin agarree jedhe ka azaabni isaanii haalaan hamaadhaa, ummata san wayta lakkaa’u dubartii mataa isaanii hidhanii akka dalluu gaalaatti ol dhaaban. Kanaafuu rifeensa ol dhaabuun dhoorgaadha. Rifeensa oldhaabanii akka dhiirti arganiif ol hidhuun hin barbaachisu. Hijaaba wayta hidhatan rifeensa kankee osoo oli hin hiine akkuma nagayaa tokkotti rifeensa kankee gad dhiisii hijaaba kankee san hidhadhu, yoo keessaan hidhame dubartii azaa hin godhu jechu.yoo gubbaa kanaan hidha jette osoo rifeensa isii hin hidhin niqaabni hin dhaabbatuuf irraa bubu’aa oola jechu. Kanaaf jecha, akka irraa hin luqqaane cinqiin akka hin qunnamneen akka Rasuulli Rabbii ? dubartii rifeensa isaanii olfuudhanii hidhuu irraa dhoorke sani; dhoorgaa san akka keessa hin seenne dubartiin rifeensa isaanii niqaaba wayta hidhatan hijaaba keessaan, jalbaaba keessaan yookan abaayaa keessaan hidhattee eegasii abaayaa gubbaa aansitee akkasitti yoo ka hidhattu taate cinqiin tokkolleen ka isiin qunnamtuun hinjiru jechuudha.

 

Sheik Abdurrahmaan Shariif

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 201

Kanas dubbisi!

413: Dubartiin dhaabbattee wudu’achuu ni dandeettii?
410: Salaataaf iqaamaa godhuun dubartiidhaaf ni danda’amaahii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button