header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

410: Salaataaf iqaamaa godhuun dubartiidhaaf ni danda’amaahii?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii : Salaataaf iqaamaa godhuun dubartiidhaaf ni danda’amaahii?

 

 

 

 

 

Deebisaa : Dubartiin iqaamaa godhuulleen ni danda’amaa, Azanuullee ni danda’ama yoo kophaa isaanii taate. Dubartiin yoo kophaa isaanii ta’an azanuullee ni danda’an iqaamaa godhuullee ni danda’an. Ulamaa’iin islaamaa waa lama daliila godhatan dura mazhabni shaafi’iyyaaf anaabilaa dubartiin azaanallee godhuu hin dandeettu, iqaamaallee godhuu hin dandeettu akkanumatti salaatanii jedhan. Maaliif jennaan dubartiin sagalee oli fuutee azaana godhuun sowtiin isii nama fattantii fitantu irraa argamaa kanaafuu zamana Rasuulaallee dubartiin masjiida irraa azaantee hin jirtuu. Rasuulli Rabbii ? wayta ajaje dhiiruma ajaje. Kanaaf jecha dubartii Azaanni isii irraa hin barbaachisuu akkasuma iqaamaalleen hin barbaachisu jedhan gariin ulamaa’ii. Ulmaa’iin gariilleen waan jedhan dubartiin Azaanuullee ni dandeetti yoo kophaa isaanii ta’an, yoo jama’aa dubartii ta’anillee azaanallee godhanii iqaamallee godhanii salaatuu ni danda’anii jedhan ulamaa’iin gariin. Hadiisa lama daliila godhatan hadiisa Rasuulli Rabbii ? dhiira ajajee jira Rasuulli Rabbii akka dhiirti azaanan. Kanaafuu dubartiin obboleeyyan dhiiraatii waan dhiira irratti dirqamaa dubartii irrattillee dirqamaa jedhanii sani daliila godhatanii jechudha ulamaa’iin gariin. Lammaffaa wanni daliila godhatan haati teenna Ayishaan zamana isiin jirtu kophaa isii mana isiitti azaanallee godhattee iqaamatteellee salaattii , kanaafuu san qabatanii ulamaa’iin gariin dubartiin azaanuullee ni dandeettii kophaa isaanii wayta ta’an masjiida keessattii mitii soowtii isaanii bakka namni hin dhageenyetti kophatti azaananii iqaamaallee godhatanii azaanuu ni danda’anii jedhan. Imaamu Ahmadiif imaamu shaafi’iin warra didu irraa tokko. Saniin wajjiin ammallee wanni jedhan yoo isaan jama’aa ta’an dubartiin hedduu bakka takkatti walitti dhufanii yoo isaan ka jiraatan taate azaana godhatanii iqaamaa godhatanii salaatuun ni danda’amaa jedhan. Sahaabaalleen warri dubartiin azaanuu ni dandeetti jedhan Abdullah ibnu Amarti irraa tokko, haadha teenya Aa’ishaarraa tokko azaana godhuu ni danda’anii nama jedhu irraa tokko. Kana irratti dhaabbannee dubartiin yoo kophaa taate Azaanuullee ni dandeetti, iqaammachuullee ni dandeetti garuu soowtii isii san akka namni hin dhageenye, ajnabiin akka hin dhageenne, akka namni itti hin fattanamneef jecha.

 

Sheik Abdurrahmaan Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 235

Kanas dubbisi!

412: Dubartiin rifeensa isaanii ol fuudhanii hidhuun ni ta’aa?
408: Jaartiin ajaja jaarsaa diddu hukmiin isii maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button