header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

416: Ilmi obboleessa abbaa kiyyaa ajnabii naaf ta’aa?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Ilmi aabba guddaa abbaa kiyyaa yookan ilmi obboleessa abba kiyyaa ajnabii naaf ta’aa?

 

 

 

 

Deebisaa: Ilmi aabba guddaa abbeetii siif ajnabiidha. Ilmi aabba guddaa abbaa kankeetii yoo ka adeera yookaa abbeera ittii jettu taate ilmi isaa siif ajnabiidha. Dhiirarraa nama kudha saddeetitu dubartii kudha saddeetii fuudhuun haraama. Akkasuma ammallee dubartii kudha saddeeti irratti dhiirri kudha saddeetitti heerumuun irratti haraama. Ilmi aabba guddaa ati jettu kun warra kudha saddeettan sani keessa hin jiru jechudha. Kudha saddeettan sunniin karaa gabaabamatti warra maharama kankee ta’u. kudha saddeettan san keessa afur soddummaa irraa dhufa, torba dhalootarraa dhufaa, torballeen hodhiinsa yookan luugiinsa irraa dhufa. Nam kudha saddeettan santu zalaalam intala takka fuudhuu hin danda’anii warra santu isiidhaaf maharama ta’aa. Warri dhalootaan yookan nasabaan dhufu. Abbaa, obboleessa, adeera, eessuma, intala obboleetti teetii gurbaa isii, obboleessa kankee gurbaa isaa, ilma kankee torban kun karaa dhalootaatiin ta’aa si fuudhuu hin danda’amuu atillee isaanitti heerumuun hin danda’amuu. Torban amma gubbatti ibsine kana gama luuginsaatiin yookaan gama harma waliin hodhuutiin. Afran soduummaadhaan taatu. Dhiirsa kankee abbaa isaa, dhiirsa kankee ilma isaa, namticha tokko niitii inni fuudhe gurba isii, namticha tokko gurbaa isaa niitii isaaKudha saddeettan san waan hin ta’in nama afur ka biraa ka kilaafa qabutu jira san yeroo biraatti. Warri kudha saddeettan sun warra qur’aan suuratul nisaa’ii keessatti Rabbiin dubbatee cufa isaanii

 

 

Sheik Abdurrahmaan Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 183

Kanas dubbisi!

419: Obboleettiin tiyya anaafii dhiirsa kiyya wajjiin hajjii godhuu ni dandeettii?
414: Dhalaan Muslimaa dhiira ajnabii irraa mallaqa fudhachuu dandeessii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button