header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

414: Dhalaan Muslimaa dhiira ajnabii irraa mallaqa fudhachuu dandeessii?

  • Home
  • Dubartii
  • 414: Dhalaan Muslimaa dhiira ajnabii irraa mallaqa fudhachuu dandeessii?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii : Nama ajnabii tokko irraa horii fudhatuun ni danda’amaa, nama wayii ka wajjiin haasawan ka nikaha irraa hin qabne horii irraa fudhatuun ni danda’amaa?

 

 

Deebisaa: Yoo inni hadiyyaa siif fide irraa fudhachuun ni danda’ama. of si jaalachiisuuf jecha yoo inni horii siif kenne horii irraa fudhachuun humaa hin qabu. Garuu dhiira tokko sitti heeruma jettaa, baallama kijibaa seentee mallaqa irraa nyaachuun haraama. Baallama kijibaa waliif hin seeninaa. karaa kijibaatiin, karaa kiyaanaatiin horii walirraa hin nyaatinaa jedhe Rabbiin (SW).  Yoo namni dhiiraa tokko qalbii qulqulluun hadiyyaa siif fide, ka sababaa saniif hamtuuf sitti hin haajamne, ka atis sababaa hadiyyaa sanii sobamtee hamtutti hin deemne taate, yoo atiifi innis warra hamtuurraa tikfame taatan, hadiyyaa walirraa fudhachuun rakkoo hin qabu. akkasuma innillee sababaa hadiyyaa kanaatiin intala tana sossobee, ofitti maxxansee hamtuu itti dalaguuf yoo ka kennu taate, wanti kun isaafis hin hayyamamu. Yoo kennaa qulqulluu qalbii qulqulluun waliif kennan taate rakkoon hin jirtu. ta ittiin wal sossobanii hamtutti wal oofuuf waliif kennan haraama.

 

Sheik Abdurrahmaan Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 807

Kanas dubbisi!

416: Ilmi obboleessa abbaa kiyyaa ajnabii naaf ta’aa?
413: Dubartiin dhaabbattee wudu’achuu ni dandeettii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button