header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

435: Abbaan kiyya osoo salaata hin salaatin du’e irraa sadaqachuun ni taatii?

  • Home
  • Firummaa
  • 435: Abbaan kiyya osoo salaata hin salaatin du’e irraa sadaqachuun ni taatii?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Abbaan kiyya hin salaatu isaa hin salaanne du’ee irraa sadaqachuuf jennaan irraa hin sadaqatin jedhanii sadaqachuu hin dandeettu naan jedhanii mee akkamitti abbaa kiyyaa waa bahuu danda’aa yaa Rabbi araaramiif jechuu danda’aa?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Yoo inni salaata diddaa isiitiif didee du’e salaata uzrii takka malee dabarsee ka takkaahuu hin salaanne taate ka ammoo salaanni waajiba ta’uu inni beeku, ka jaahilummaan akkasii itti hin jirre taate, ka yeroo du’u sanuu salaata hin qabne taate, halaa kanaan du’aa’ii godhuufiinillee jajjabduudha sadaqaa kennuufiinillee jajjabdu. Garuu haala isaa sana beekuun dirqama. Haala inni irratti du’eef salaata waajiba ta’uu ni beeka moo hin beeku, nama diiniin dhaqabee salaatni kun waajiba ta’uun dhaqabe moo hin dhaqabne, ollaa inni jiru biyya inni keessa jiru sheekkotiin jirtii diiniin jiraa islaamni jiraa? Kana waan hedduu waan gaafatantu jiraa kanaafuu akkasitti adda baafachutu si barbaachisa.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 182

Kanas dubbisi!

439: Firoota muudaaf shirkii keessa jiran akkam goona?
419: Obboleettiin tiyya anaafii dhiirsa kiyya wajjiin hajjii godhuu ni dandeettii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button