header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

437: Nikaha dhossaan hidhachuun akkam?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Nikaha dhossaa ka duraan dogongora duraan dalaganii abbaan beeynaan nikaha sii hin hidhu jedheenii lakki nuti wal hin agarree jennee dhossinee nikahaan sun akkamii?

 

 

 

 

Deebisaa: Yoo baaxilaan wajji jiraatanii jiraatan nikahan sun baaxila ammallee. Dhossaan wajji jiraatanii akka dhossaan wajji jiraatanillee abbaa ufii dhossanii nikaha nuu haa godhuudhaaf itti himan. Kanaafuu shariyaan dogongora akkasii san hin fudhattu. Namni dhossaan karaa haraamaatiin waliin jiraate, Rabbiin sodaatanii adda bahu dura.  eegasii bohaanii toowbaaf sadaqaaf soomanaan Rabbii ufiitti deebi’uu. Intallillee qulqullinnaa yeroo lamaa sadii dhiigni itti dhufuu, eega adda yaa’aaanii ka wal quba hin qabne ka walii hin dawwalle ka taphaaf maalaayaanii waliin hin haasofne; lamaanuu shuglii booyichaatiif sadaqaatiif soomaanaatiin salaataatiin eega araara Rabbii isaan irra barbaadan booda karaa halaalaatiin waliyyii irraa nikaha wal godhachuun ni ta’a. Kanaan achitti  uf sobuun aakiratti jazaan isii ibiddumatti nama darba. Kanaafuu sobuun hin barbaachisu.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 293

Kanas dubbisi!

447: Abbaan yoo nikaha godhuu dide akkam?
434: Akka shari’aatti gabbarri akkam?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button