header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

483: Horii du’e gubuun ni hayyamamaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaaffii: Ani ummata Arabaa tokko bira dalagaa re’ee tiksinaa, yoo re’een duute gubaa nuun jedhanii. Waan du’e ibiddaan gubuun hin taatu jedhanii akkami?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Wanni ibiddaan gubaan dhoowwaa taate banii Aadami. Horiidhaaf waan kana hin jenne. Horii duute gubuuf dhiisuun maslaha abbaan sun barbaadutti hidhaa qabdi. Yoo du’aan lafa ciisu kun ka bineensa harkisu ta’ee rakkoo ta’ee sababaa san halkan bineensi nutti dhufeeti horii fayyaa nyaata jedhee seera wayii ka lafa kaayatu yoo taate, ka seerri sun shari’aan wal hin dhabne yoo taate gubuun rakkoo hin qabu eega isiin duute. Yoo ammoo rakkoon biraa ka hin jirre taate duutee awwaalanillee humaa hin qabne taate boolla wayii buusanii, akkuma maslahaan jirtu godhutu gaaridha. Garuu yoo horiin duute gubanii awwaalanii gara biraatti gatanii humaa rakkoo hin qabu.

 

Sheik Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 87

Kanas dubbisi!

484: Nama hin Islaaminiif du’aa’ii godhuun ni tahaa?
482: Qabrii keessa kopheen dhaabbachuun/deemuun ni tahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button