header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

557. Uffata yeroo heydii uffatan osoo hin dhiqin ittiin salaatuun hayyamamaa?

  • Home
  • Dubartii
  • 557. Uffata yeroo heydii uffatan osoo hin dhiqin ittiin salaatuun hayyamamaa?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Dubartiin yeroo heydii qabdu qaama hin dhiqattu. Huccuu yeroo xuriin laguu irraa jiru uffataa turte, garuu kan dhiigni laguu hin tuqin, eega xahaarattee booda ittiin salaatuu dandeessii?

 

 

Deebisaa: Dubartiin dhiiga aadaa irra jirtu, wanti qaama isii irraa najisummaa qabu dhiiguma qofa. Huccuu dhiigni sun tuqe dhiquun dirqama. Dhiigni aadaa qaama hunda hin najiseessu. Inni bifa lamaan laallama. Tokkoffaan Hadasatti laallama. Hadasa jechuun waan hin mul’anne fakkeenyaaf waan akka janaabaa, kan sababaa isaa qaama dhiqachuun namarratti wajjabu jechuudha. 2ffaa dhiigni bahu sunis bakka tuqe ni najisa. wanti inni tuqe irraa dhiqamuu qaba. Qaama isii guutuu ammoo gaafa heydii irraa qulqullooyte dhiqatti. Kana jechuun qaama guututu najise jechuu osoo hin taane, akkuma janaabaaf qaama guutuu dhiqachuun dirqama tahe, dhiiga aadaatiifis akka dhiqachuu qabdu shari’aan dirqama itti godhe. Kanaan ala wanti dubartiin yeroo harkaan tuyxe ni najisa jechuun diinaa keenyaa miti. Diinaan keenya bakka tanatti wasaxa ykn jidduurra jira. Yahuudaan dubartii heydii qabdu ofirraa fageessiti. Qaama isii guutuu akka najisaatti laalanii ofirraa fageessan. Nasaaraan ammoo dhiigni aadaa itti dhufuufi itti dhufuu dhabuuhuu hin laallattu. Akkuma feetetti itti qananiiti. Islaamummaan ammoo jidduu irra jira. Najisa jedhees hin fageessu, yeroo dhiiga aadaa irra jirtu itti ida’amuus hin hayyamu. Nuti diinii akkana bareedu qabna.

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 693

Kanas dubbisi!

560. Jaarsi si hiike jennaan deemtee nama birootti heerumte
534: Ilmaan eessumaa ajnabiidhaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button