header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

560. Jaarsi si hiike jennaan deemtee nama birootti heerumte

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: dubartiin takka jaarsaan wal dhabnaan, inni si hiike jedheen. Isiinis yeroma san deemtee nama birootti heerumte. Nikaan isii kun akkami? Nikeenni duraa bu’e moo hin buune?

 

Deebisaa: Dura dursoo abbaan warraa yoo si hiike jedhee dubbate; fedhu xalayaa itti katabee, fedhu Meseeja ergee, fedhu bilbila bilbilee yoo si hiike jedhe. Nikaan sun bu’ee jira. Eega si hiike jedhee booda osoo iddaan isii hin dhumin deeffatuu ni dandaha. Yoo osoo si deeffadhe hin jedhin iddaan isii dhume, isiin deemtee heerumuu mirga qabdi. Iddaa jechuun qulqullina 3 jechuudha. Haga xuriin laguu 3 itti dhufutti inni si deeffadhe jedhee deeffachuu mirga qaba. Deebifachuun kun gosa lamaan taha. Takkaa afaaniin “Si deeffadhe” jedhee dubbachuu, ykn walitti dabalamuudhaan taha. Osoo Afaaniin “Si deeffadhe” hin jedhin, ykn osoo wal qunnamtii saalaatiin itti hin dabalamin baatiin sadiin yoo dhume. Isiin achi booda jaartii isaatii miti. Hanga fedhe si deeffadhe jechaa oolus dubbiin isaa hiika hin qabdu. Yoo deebisee jaartii godhatuu fedhe, maatii isiitti dhaqee nikaaha haarayaan akka haarayatti fuudhuu dandaya.

 

Addaan bahiinsi gosa lamatu jira. Addaan bahiinsa guddoo fi Addaan bahiinsa xiqqoodha. Addaan bahiinsa xiqqoo jechuun tan amma gubbatti dubbanne tana. Inni afaaniin si hiike jedhee hanga xuriin laguu 3 itti dhufu eeguun tun addaan bahiinsa xiqqoodha. Yoo xuriin laguu 3 itti dhufe booda nikaaha haarayaan deeffatee wajji jiraachuu ni dandaha.

 

Addaan bahiinsi guddoon ammoo hiikkaa sadihiin dhuma. Yeroo tokko si hiike jedhee deeffata. Lammaffaas itti deebi’ee si hiike jedhee deeffata. Yoo sadaffaa itti deebi’ee si hiike jedhe. Tun addaan bahiinsa guddoodha. Intala tana deebi’ee fuudhuun akkaan jabaata. Hanga isiin isa dhiistee deemtee nama birootti heerumtee, yoo tasa nama saniin wal dhabde inni fuudhuu danda’a. kun addaan bahiinsa guddaadha. Namni isa booda fuudhe kun gad dhiisuu dhabuutu mala. Kanaafuu carraan walitti deebi’uudhaa haalaan dhiphaadha.

 

Intalti tun akkuma Jaarsi si hiike jedheen aarii saniin deemtee nama birootti yoo heerumte; jidduu kanatti waan heddutu laallama. Isaan adda bahanii osoo xuriin laguu 3 itti hin dhufin, ykn osoo ulfa garaa qabdu yoo deemtee nama birootti heerumte, nikaan kun baaxila (hin tahu) carraan isiin qabdu nama booda itti heerumte Kanaan adda bahuu qofa. Osoo nikeenni duraa hin dhumin nikaaha haaraya irraan hidhuun hin jiru.

 

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

 

<iframe width=”560″ height=”315″ src=”https://www.youtube.com/embed/LSCqcq7Nb7M?controls=0″ title=”YouTube video player” frameborder=”0″ allow=”accelerometer; autoplay; clipboard-write; encrypted-media; gyroscope; picture-in-picture” allowfullscreen></iframe>

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 6
Views: 1178

Kanas dubbisi!

562. Intala dubraa dirqiin heerumsiisuun akkamitti laalama?
557. Uffata yeroo heydii uffatan osoo hin dhiqin ittiin salaatuun hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button