header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

567: Saala daa’imaa tuquun wuduu’a balleessaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Qaama saalaa tuquun wudu’a balleesa jedhanii, Qaama ijoollee daa’immanii tuquun hoo akkami?

 

Deebisaa: Dhimma kanarratti ulamaa’iin yaada adda addaa kennan. Ulamaa’ii jiddutti wal dhabbitu jira. saala daa’immanii qofa osoo hin taane, qaama saalaa ofii harkaan tuquun wudu’a ni balleessa moo hin balleessuu irratti khilaafa ulamaa’iitu jira. garuutuu cuunfaa fatwaa ulamaa’ii yoo laalle, qaama saalaa tuquun yeroon wuduu’a balleessu, yoo shahwaan (miira fedhiitiin) tuqan qofa. Namni tokko miira fedhii fooniitiin yoo qaama saalaa of tuqe wuduu’ni isaa ni bada. Garuu shahwaan maletti tasa qaama saalaa of tuquun wuduu’a hin balleessu. 

Kanarra dhaabbannee gama qaama daa’imman xixiqqoo yoo deebinu; qaama daa’immanii harkaan tuquun waan wuduu’a balleessuu miti. Haati takka daa’ima isii wayta dhiyxu, wayta huccuu irraa jijjiirtu qaama daa’imaa harkaan tuquun isii waan hin oolamne. Kun waan rakkoo takkallee qabuu miti. Adada qaama daa’imaa tuyxuun wuduu’a godhuu qabdi jechuun hin jirtu. Allaahu A’lam. 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 5
Views: 1171

Kanas dubbisi!

571: Dubartiin ilmoo dhalte guyyaa meeqa booda salaata eegalti?
564. Mahrii malee nikaaha hidhuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button