header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

564. Mahrii malee nikaaha hidhuun akkami?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Wayta nikeenni hidhamu kana osoo mahrii hin dubbatin yoo nikaaha hidhan rakkoon inni qabu jiraa?

 

Deebisaa: Akka hedduun ulamaa jedhanitti mahriin maqaa dhahamuun sharxii nikaahaatii miti. Mahriin jiraatuun barbaachisaadha. Garuu ulaagaa nikaahaatii miti. Osoo mahrii hin dubbatin yoo nikaaha godhan nikeenni ni hidhama. Achi booda gaafa isiin mahrii isii barbaaddetti, ykn gaafa wal dhabbiin argamtetti, ykn gaafa jara lameenirraa tokko du’etti mahriin isii kafalamuu qaba. Mahriin kennamu ammoo mahrii dubartii birootiif kennamu tahu qaba. (Waan naannoo jarri jiraatan sanitti dubartii heerumtuuf akka mahriitti kennamutu kennama. Osoo hin xiqqeessine, osoo hin guddisne)

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

Ibsa Dabalataa: (Gaafa addaan bahiinisi dhufte akka wal dhabbiin hin argamneef, guyyama nikaah hidhan san mahrii intalaa kennuun ykn maqaa dhahuun barbaachisaadha. Kun waan shari’aan karaa godhe).  

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 316

Kanas dubbisi!

573: Jaarsi kiyya hin salaatu, yoo salaati jedhuun “situ na gorsaa?” jedhee naan lola.
556. Fedhiin qunnamtii saalaa humnaa ol natti tahe, barnootaafi dalagaallee na dhoorke. Maal godhuu qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button