header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

571: Dubartiin ilmoo dhalte guyyaa meeqa booda salaata eegalti?

Estimated reading time: 1 min

Deebisaa: hanga dhiigni dahuumsaa jiru qofa eeguu qabdi. Dubartii garii dhiigni daddafee irraa dhaabbata. Tan guyyaa tokko ykn 2 booda irraa dhaabbatuttu jira. Dubartiin akkasii guyyama dhiigni irraa dhaabbate san salaatatti deebi’uu qabdi. Irra hedduu dubartii ammoo dhiigni dahuumsaa guyyaa 40tti irraa dhaabbata. Dubartii garii ammoo hanga guyyaa 70 fi sanii olis irra turuu dandaya. Hanga dhiigni irraa dhaabbatutti salaatas salaatuu hin qabdu, jaarsaanis walitti ida’amuu hin qabdu. Gaafa dhiigni irraa dhaabbaterraa kaastee salaatatti deebi’uun isiirratti dirqama.

Sheikh Muhammad Haamiddiin

 

Ibsa Dabalataa: (Akka aadaa naannoo hedduutti dubartiin heddu guyyaa 40 eeggatan. Isiin ilmoo dhaltee gaafa guyyaa 40ffaa sagantaa addaa godhanii wal afeeran. Dubartiin sun salaatas guyyaa san eegalti. Kun ammoo dogongora guddaadha. Aadaa naannoo ofii kabajuuf jecha eega dhiigni aadaa irraa dhaabbatee booda salaata malee turuun diliidha. Kanaafuu guyyaa 40 guuttachuuf jecha salaata ofii balleessuu hin qabdu. Gaafuma dhiigni irraa dhaabbate salaatatti deebi’uu qabdi)

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 1068

Kanas dubbisi!

575: Osoo Jaarsi kiyya hin beekin, qabeenya isaa irraa haadhaa fi abbaa kiyya gargaaruu danda’aa?
567: Saala daa’imaa tuquun wuduu’a balleessaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button