header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

579: Sababaa Hojii Ykn Barnootaatiif Salaata Gabaabsuun Hayyamamaa?

  • Home
  • Salaata
  • 579: Sababaa Hojii Ykn Barnootaatiif Salaata Gabaabsuun Hayyamamaa?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Bakka hojii ykn mana barnootaa keessatti, yoo saa’aa salaataatti hayyama naaf godhuu didan salaata gabaabsuu danda’aa?

 

 

Deebisaa: Yeroon salaata gabaabsuun hayyamamu yeroo imaltuu qofa. Yoo rakkoon humnaa olii si qabatte ammoo Jam’ii godhuu dandeessa. Jam’uttaqdiim takkaahuu Jam’utta’kiir godhuu dandeeysa.

Jam’uttaqdiim

Jam’uttaqdiim jechuun: Salaata waqtiin isaa hin gahin tokko ka waqtiin geeyse irra fiddee salaatuudha. Fakkeenyaaf yoo sa’aa zuhriin gahetti Imaltuu deemaa jiraatte, salaata Asrii kan yeroon isaa hin gahin amma sa’aa Zuhrii kanatti salaatta. Kun Jam’uttaqdiim jedhama.

Jam’utta’kiir

Jam’utta’kiir jechuun: Salaata waqtiin isaa geeyse dhiisanii yeroo salaata itti aantuutti dabarsuu jechuudha. Fakkeenyaaf sa’aa zuhriitti yoo imaltuu deemaa jiraatte, zuhrii dhiistee yeroo asriin gahe zuhrii fi asriillee bakka takkatti salaatuu jechuudha.

Yoo rakkoon humnaa olii si qabatte haala Kanaan salaata 2 walitti fiddee salaatuu ni dandeeysa. Yeroo salaata 2 walitti qabdee salaattu kana walitti dhaabdee salaatuu hin qabdu. Zuhrii salaattee eega xumurtee booda Asriis kophatti eegaltee salaatuu qabda malee, salaata lamaan walitti hiitee raka’aa 8 salaatuu hin qabdu.

Namni imaltuu irra jiru zuhrii fi asrii raka’aa 2 lamaan gabaabsee kopha kophaa salaatuu mirga qaba. Garuu namni osoo ganda ofii jiru sababaa rakkoo humnaa oliitiif salaata lama walitti qabee salaatu gabaabsuu hin dandayu. Hundaa guutuma salaata.

Yoo bakka dalagaa sanitti yeroo hunda akkasitti ka si rakkisanii ammoo, dalagaa san ofirraa dhiisii ka biroo barbaddadhu. Nama Rabbiif jecha waan tokko dhiise Rabbiin tan sanirra caaltu kennaaf.

Dr. Liwaa’ul Islaam

Salaata Akkamitti Gabaabsan?

 

 

Yeroo imaltuu deeman salaata raka’aa 4 hunda 2 lama salaatan. Zuhrii, Asrii fi Ishaahii raka’aa 2 lama qofa salaatan. Namni imaltuu irra jiru yoo walitti qabee (Jam’ii) godhee salaatuufi yoo yeroo isaatti salaatus haala Kanaan raka’aa 2 lama godhee salaata. Garuu salaanni Maghriibaa kan raka’aa sadihiitiifi Salaanni Fajrii kan raka’aa lamaa hin gabaabbatu. Salaata raka’aa 4 qofatu gabaabbata.

 

Sheikh Muhammad Haamiddiin

 

Ibsa dabalataa

(Waajjira tokko keessatti yeroo hojiif qaxaraman dhimma salaataa kana dursanii itti yaaduu barbaachisa. Gaafuma jalqabaa san sa’aa salaataatiif daqiiqaa muraasa akka hayyamaniif dursanii beeysisuu qaban. Dhaabbileen heddu dhimma salaataa kana waan beekaniif hayyama namaa kennan. Biyya faranjii keessatti namni haala Kanaan dursee hayyama fudhatee bakkuma dalagaatti salaatu heddu. Musallaa/Minxaafa xiqqoo qopheeffatanii, bakkuma dalagaa sanitti salaatuun ni danda’ama. Yoo Masjiinni ollaa san jiraatee daqiiqaan namaaf hayyaman gahaa tahe masjiida dhaquun dirqama taha. Hanga dhimma mindaatiif yaaddofnu caalaa, dhimma salaataatiif bakka guddaa kennuun barbaachisaadha.)

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 690

Kanas dubbisi!

582: Waswaasa Salaata keessaatiif furmaanni maali?
574: Abbaa manaa kiyya wajji osoo hin rafin dura salaata subhii galgalaan salaatuu dandahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button