header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

574: Abbaa manaa kiyya wajji osoo hin rafin dura salaata subhii galgalaan salaatuu dandahaa?

  • Home
  • Bultii
  • 574: Abbaa manaa kiyya wajji osoo hin rafin dura salaata subhii galgalaan salaatuu dandahaa?
Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Biyya teenya haalaan qabbanaawa. Ana ammoo na dhukkuba. Sababa kanaaf jecha abbaa manaa kiyya wajji osoo hin rafin dura, salaata fajrii ishaahii irratti witrii godhee salaatee rafuu danda’aa?


Deebisaa:
Salaanni hundi yeroo ofii qabdi. Waan abbaan fedhe sa’aa fedhetti salaatuu miti. Rabbiin Qur’aana keessatti, Mu’mintoota hundarratti salaata waqtii isiitti akka salaatan fardii godhee jira. Salaata yeroo isaatiin dura salaatuufi eega yeroon dabree booda salaatuunis dhoorkaadha. Akka waan hin salaatiniitti lakkaawama. Kanaafuu waqtima salaataa eeggattee salaatuu qabdi jennaan. Sodaa qorraatiifi dhukkubni adda addaa yoo itti jiraatee bishaan dhiqachuun itti ulfaate, taymuuma gootee salaatuu dandeessi. Yookaan ammoo bishaan oowwifattee dhiqachuu dandeessi. Qabbanti mala hin dhabu. Kanaafuu qabbana sodaaf jecha salaata Subhii wanti ishaahitti as fidanii salaataniif hin jiru jechuudha.

Sheikh Muhammad Haamiddiin

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 4
Views: 2844

Kanas dubbisi!

575: Osoo Jaarsi kiyya hin beekin, qabeenya isaa irraa haadhaa fi abbaa kiyya gargaaruu danda’aa?
573: Jaarsi kiyya hin salaatu, yoo salaati jedhuun “situ na gorsaa?” jedhee naan lola.
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button