header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

582: Waswaasa Salaata keessaatiif furmaanni maali?

Estimated reading time: 4 min

Gaafii: Salaata keeysatti waswaasni hedduu na cinqe. Furmaanni maali?

 

Deebisaa Gabaabduu

Namni tokkolleen ka waswaasni salaata keessatti itti hin dhufne hin jiru. Dhiiraafi dhalaanis haala kana numa qaban. Walumaagalattuu waswaasni dawaa ni qaba.

 

 

Dawaan duraa halkaniifi guyyaa keessatti azkaara guddiisuudha. Zikrii ganamaafi galgalaa irraanfachuu dhabuudha. Kan itti aanu ammoo hoggaa salaatatti seentu jalqabarratti, zikrii ittiin eegalantu jira. Tan akka A’uuzubillaahi-ssamii’il Aliimi minashheeyxaanirrajiim… fa. Zikriiwwan kitaaba azkaaraa keessa jiran irraa tan siif laafteen if gargaari. Tanaafuu ilmi namaa waswaasarraa qulqullaahuu hin danda’u, waan qaraatu keessatti Khushuu’aan (Xiyyeeffannaadhaan) gama Rabbii keetii deebi’ii salaati. Rabbi si haa gargaaru siin jenna.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Fatwaa Ulamaa’ii biyya alaa

 

Namni Muslimaa tokko yeroo salaatatti seenu niyyaa qulqulluun Khushuu’a gaariin Rabbiif if gad xiqqeeysee itti seenuu qaba.

Ibnal Qayyim (Rahimahullaal) akki jedhe;

 

“Ilmi namaa hundi yeroo lama Rabbiin dura dhaabbachuun isarratti dirqama. Sunis dhaabbii guyyaa har’aa tan salaata keessaatiifii dhaabbii guyyaa qiyaamaa tan namni hundi Rabbiin dura dhaabbaatuudha. Namni guyyaa har’aa salaata keessatti haala gaariin Rabbii isaa dura dhaabbachuu dadhabe, dhaabbiin guyyaa qiyaamaatis haalaan itti jabaatti”

Al Fawaa’id fuula 200

 

Sababaa kanaaf jecha namni Muslimaa tokko yoo salaataaf dhaabbatu, Rabbiin dura dhaabbachutti jira jechuudha. Yeroo salaataaf dhaabbatu haga danda’ameen waan biroo yaaduu dhiisee qalbii isaa guutuu gama salaataa as deebisuu qaba. Akka Rabbii ofii dura dhaabbachutti jiru beekee, isaaf of gad xiqqeessee khushuu’aan dhaabbachuu qaba. Kanarratti ammoo tooftaalee asii gadii Kanaan of gargaaruu ni dandaya.

 

Tooftaalee Khushuu’aaf nama gargaaran

 

Qalbii Gama Rabbii Deebisuu

 

Namni tokko Yeroo salaataf qiiblatti gara galee dhaabbatu, niyyaa isaa guutuu gama Rabbii isaa deebisuu, dhimma duniyaa guututti irraanfachuun if gargaaruu qaba. Yoo haala Kanaan dhaabbate xiyyeeffannaan (Khushuu’ni) inni salaataaf qabu haalaan guddaa taha.

 

Guddina Rabbii guddaa if dura qabuu

 

Yeroo salaataaf qiiblatti garagalee dhaabbatu kana, Rabbii guddaa dachiifi samii hunda uume, kan yuunivarsiilee hunda uume, kan lubbu qabeeyyiifi waan lubbuu hin qabne hunda uume tahuu isaa yaaduun barbaachisaadha.

 

Akka Rabbiin si argaa jiru yaaduu

 

Yoo salaataaf dhaabbanu Rabbiin akka nu toohachutti jiru beekuu qabna. Namni salaatutti jiru miiliyoonota tahus, Rabbiin guddaan hunda isaanii kopha kophaa arga. Dandeettiin isaa adda. Inni akka ilma namaa yeroo tokkoon waan tokko qofa laaluu kan dandahuu miti. addunyaa tanarratti uumamaaleen Tiriiliyoonni yoo jiraatan, hunda isaanii yeroo tokkoon arguu dandaya. Dandeeytiin argaa isaa waan ilmi namaa yaaduu dandahuu oli. Kanaafuu namni tokko yoo salaataaf dhaabbatu, akka Rabbiin guddaan isa argaa jiru yaaduu jalqabuu qaba.

 

Akka gabra mootii dura dhaabbateetti if yaaduu

 

Hadiisa Abdallaah ibnu Umar (RA) gabaase keessatti, gaaf tokko Ergamaan Rabbii (SAW) hoggaa salaataaf dhaabbatu, jidaara gama qiiblaatiin jiru irratti Toftoo namaa kan kan goggoge arge. Eegasii dhaqee harka ofiitiin qulqulleessee ummatatti gara gale. “Tokkoon keessan wayta salaattan gama qiiblaatti hin tufinaa, yeroo salaatarra jirtan Rabbiin keessan isin dura jiraachuu hubadhaa” jedhee dubbate.

 

Bukhaari (406) Muslim (547)

 

Kanaafuu wayta salaataaf dhaabbannu hunda akka Rabbiin dura dhaabbannee salaatutti jirutti yaaduu qabna jechuudha.

 

 

Badhaasa Rabbi biraa argannu yaadachuu

 

Wanti salaannuuf Rabbiin biraa mindaa argachuufi. Namni mindaa argatu ammoo hojii seeraan hojjachuu qaba. Salaanni mindaa namaaf argamsiistus salaata haala gaariin salaatamte. Kanaafuu namni Muslimaa tokko yeroo salaataaf Rabbii isaa dura dhaabbatu, akka salaata saniif Rabbiin biraa mindeeffamu yaaduu qaba. Kuniis akka Khushuu’a Qabaatu isa godha.

 

Hiikaa zikriiwwaniifi aayatoota Qur’aanaa irratti xiyyeeffachuu

 

Namni salaatu hundi zikriin eegala. Eegasii aayatoota Qur’aanaa Qara’a. yeroo kanatti hiikaa aayaatootaa irratti xiyyeeffachuun akka khushuu’a qabaatu isa godha. Yoo waan qara’u san hiikaa kan hin beeyne tahes, miidhagina aayatoota Qur’aanaa tafakkuraa salaatuun barbaachisaadha.

 

Yeroo salaataa wantoota nama jeeqan irraa fagaachuu

 

Haga danda’ameen iddoon salaataa qulqulluu tahuu qaba. Qulqullina xahaaraa qofa osoo hin taane, fakkiiwwan adda addaa, barreeffamoota adda addaa kang ama qiiblaatiin katabamanii salaatarraa nama jeeqan, sagaleewwan iddoo sanirraa dhagahaman hunda naannoo sanii fageessuun baraachisaadha. Namni zikriiwwan adda addaa katabee mana keessatti maxxansus, katabbii akkasii naannoo Qiiblaa irraa fageessuu qaba. Namni Qur’aanaafi Manzuumaa adda addaa dhageeffachuu jaalatus, sa’aa salaataatti ofirraa cufuu qaba. Yoo haala Kanaan naanoo isaa qulqulleessee salaate khushuu’a gaarii qabaata.

 

Sochii hin barbaachisne dhiisuu fi ija ofii tasgabbeessuu

 

Aa’ishaan (RA) dhimma nama salaata keessa bitaafi mirga mimil’atuu irraa gaafanneen, Rasuulli (SAW) “Sun hanna sheeyxannii salaata gabrichaa irraa hatu” jedhanii deebisaniif.

Al-Bukhaarii (751)

 

Kanaafuu sheeyxaannii bitaafi mirga nu mimil’achiisuudhaan salaata keenya nu jalaa qisaasutti jiraachuu isaa hubachuu qabna.

Hadiisa biroo keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan. “Rabbiin gabricha isaa kan salaatatti jiru laaluurraa hin deebi’u. hanga inni mimil’achuu eegalutti. Akkuma inni mimil’achuu eegaleen Rabbiin irraa garagala (Rahmata ofiitiin irraa garagala)” jedhan.

Sunan an-Nasa’i 1195

 

Akkuma hadiisa kanarraa hubannutti, salaata keessa olii gad mimil’achuun kasaaraa guddaa qaba. Xiyyeeffannaa Rabbii nurraa deebisa. Yoo nuti salaata keessa mimil’achuu eegalle Rabbiin nurraa garagala jechuudha. Kun kasaaraa guddaadha.

 

Ibnal Qayyim Rabbiin Rahmata isaaf haa godhuuti akki jedhe. Jeeqamni salaata keessaa bakka lamatti qoodama. Inni duraa qalbiin jeeqamanii waan adda addaa yaaduu eegaluu hogguu tahu, inni lammaffaa ammoo qaamaafi ijaan jeeqamanii sochii hin barbaachifne godhuufi ijaan oliifi gad mimil’achuudha. Lameenuu waan salaata namaa miidhanirraa waan tahaniif irraa if eeguu barbaachisa.

 

Yeroo salaatatti jiran du’a yaadachuu

 

Salaanni amma salaatutti jiru tun tan irraa boodaa (tan xumuraati) jedhanii yaadiin gaariidha. Amma booda salaata itti aantu dhaqqabuu kee Rabbitu beeka. Tarii salaata tanaan addunyatti nagaya dhaammachuu malta. Kanaafuu salaata tana akka salaata xumuraa (salaata dhaammannaatti) yaadii dalaati. Haga dandeeyseen bareechisii salaati.

 

Anas (RA) akka gabaasetti; Ergamaan Rabbii (SAW) Akkana jedhan. “Hoggaa salaatatti seentan du’a yaadadhaa. Gabrichi yeroo salaatatti seenu du’a yaadatu, salaata isaa haalaan tolfata. Salaata san akka salaata xumuraatti yaadaa salaataa. Waan khushuu’a salaata isinirraa balleessu hundarraa fagaadhaa” jedhan.

Imaam Albaaniin hadiisa kana Sahiih Al jaamii lakkofsa (849) irratti Hasan godhe.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Yaada walii galaa

 

Namni Muslimaa kan Afaan Arabaa hin beeyne hundi, Zikriiwwan salaata keessa qara’amaniifi aayaatoota Qur’aanaa salaata ittiin salaatu hunda haala gaariin baratuu qaba. Jechoota Arabiffaa tan salaata keessa jedhaman hunda hiikaa wajji barachuuf tattaafachuu qaba. Salaanni hundee Islaamummaati. Namni salaata hin tolfatin aakhiraa ofii tolfachuu hin dandayu. Kanaafuu Muslimni hundi wantoota salaataan wal qabatan hunda hiika wajjiin barachuuf tattaafachuu qaba. Kun waan yeroo itti kennanii miti. waan if duraaf karoorfatanii miti. waan amma sa’aa kanarraa eegaluun dirqamaati. Hunda keenyaa Rabbiin nuuf haa laaffisu.

 

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 1258

Kanas dubbisi!

584: Nama salaata fajrii dadhabuuf furmaanni maali?
579: Sababaa Hojii Ykn Barnootaatiif Salaata Gabaabsuun Hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button