header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

584: Nama salaata fajrii dadhabuuf furmaanni maali?

Estimated reading time: 1 min

Yaa Gabroottan Rabbii! Salaata shanan Rabbiin dirqama nurratti godhe keessa, kan fedhan jabeessanii kaan ammoo laaffisuun hint tahu. Rabbiin Suuratul Mu’minuun keessatti jalqaba irraa kaasee sifa Mu’minoota milkaahanii dubbata. “Dhugumatti, mu’umintoonni milkaahan. Isaan warra salaata isaanii keessatti kushuu’a qabaniidha…” jechuun jalqabee tarreessa. Aayata 9ffaa irratti “isaan warra salaata isaanii irratti tikfataniidha” jedha. Namni tokko salaatni fajrii akka isa hin dabarre itti yaaddahuu dhabuun booda Nifaaqatti nama geessa. Nifaaqa booda ammoo waan hamatu namatti dhufa.

 

 

Akkuma yeroo dalagaaf yookaaf imaltuuf kaanu itti yaadnee kaanutti, salaata fajriidhaas itti yaannee ka’uu aadaa godhachuu qabna. Galgala yeroon rafanii fajriidhaaf ka’uutu barbaachisa. Tv fi Miidiyaalee hawaasummaa laalaa galgala turanii rafanii salaata fajrii if jala dabarsuun waan hamaadha. Meeshaan hammayyaa tan salaata fajriitiif ka’uuf itti gargaarsifatan hedduutu jira. Alarm sagalee guddaa qabu guuttattee salaataaf ka’uu dandeeysa. Salaatni kamiyyuu hirribaanis haatahuu haala gara garaatiin yoo nama dabre, yeroma ka’anitti dafanii dhaqabanii salaatudha malee, kan itti aanuun eeguun hin barbaachisu.

Dr. Liwa’ul Islaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 872

Kanas dubbisi!

589: Attahiyyaataa irratti Miila akkam godhanii irra taa’an?
582: Waswaasa Salaata keessaatiif furmaanni maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button