header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

589: Attahiyyaataa irratti Miila akkam godhanii irra taa’an?

  • Home
  • Salaata
  • 589: Attahiyyaataa irratti Miila akkam godhanii irra taa’an?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Salaata raka’aa afurii keessatti, attaahiyyaata duraa keeysatti miila if jala kaayanii irra taa’an, attahiyyaata booda keeysatti ammoo miila if jalaan dabarsanii teessumaan lafa gayan; yoon attahiyyaata lachuu akkasumatti taa’e akkami?

 

 

 

Deebisaa: Akkaataan sunnaa Nabii (SAW); Attahiyyaata duraa keeysatti miila bitaa if jala ciibsanii irra taa’uudha. miila mirgaa ammoo qubbeen lafatti qajeelchanii irra ta’an. Attahiyyaata boodaa keeysatti ammoo miila bitaa miila mirgaa jalaan dabarsanii, teessumaan lafa gayanii taa’an. miilli mirgaa ammoo akkuma attaahiyyaata duraa sanitti dhaabbatuu qaba. Akkaataan Sunnaa Rasuulaa (SAW) akkana. Rasuulli (SAW) akkasitti salaatuu nu ajaje.

 

Garuu teessuma lachittuu salaanni hin badu. attahiyyaata duraafi boodaa keeysatti akkuma tokkotti taa’uun waan salaata balleessuu miti in shaa Allaah

Dr. Liwa’ul Islaam

 

Guduunfaa: Irra caalaan karaa sunnaa Rasuulaa hordofuudha. yoo akka Rasuulli (SAW) taa’uun nutti ulfaates if leenjisuu yaaluun gaariidha. yoo itti yaaddofnee yaalii goone akka sunnaa Rasuulaatti if leenjisuu ni dandeenya. salaanni utubaa Islaamummaa keeysaa takka. salaatatti yaaddawuun haalaan barbaachisaadha. miila if jala kaayee irra taa’uun natti ulfaata jedhanii dantaa dhabdummaan dhiisuun hin barbaachisu. yoo sirreessuuf tattaafatan sirreessuun ni danda’ama. Rabbiinis irratti nama gargaara. irra caalaan karaa sunnaa Nabii (SAW) jala deemuudha.

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 210

Kanas dubbisi!

598: Dubartiin azaanachuu yookaan iqaamachuu dandeessii?
584: Nama salaata fajrii dadhabuuf furmaanni maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button