header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

590: Ija hamtuu maaliin ofirraa tiysan?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Namni ija namaa ofirraa shakku, wanti ittiin ofirraa tiysuu dandahu jiraa?

 

 

Deebisaa: Namni Muslimaa yeroo hundaa Rabbii isaa yaadachuu fi Rabii isaa kadhachuu qaba. Ija namaatiifi hamtuu adda addaa irraa tiyfamuuf zikrii halkaniifi guyyaa, zikrii ganamaafi galgalaatiin gargaarsifachuun ni danda’ama. Kitaabonni xixiqqoon zikrii ganamaafi galgalaa qaban heddu. Namni sihriifi falfalaan miidhame, azkaara adda addatiin if gargaaruu mirga guutuu qaba.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Zikriiwwan ija namaa ofirraa tiysuuf nama gargaaranirraa muraasni

A’uuzu bikalimaati-llaahittaammati, min sharri maa khalaq

Maqaa Allaah waa hundaan guutuu taheetiin hamtuu inni uume hundarraa tiyfama.

 


 

A’uuzu bikalimaati-llaahittaammati, Min ghadabihi, Wa iqaabihii, washarri ibaadihii, Wamin hamazaatisshayaaxiini, Wa an Yahduuruun.

 

Jechoota Allaahaa kan hir’ina hin qabneenin tiyfama. Dallansuufi Qixaaxa isaa irraa, Hamtuu gabroota isaa irraa, hamtuu sheeyxaanaa irraa maqaa Allaahaatiin tiyfama.

 


 

Hasbiyallaahu laa ilaaha illaa huwa, Aleyhi tawakkaltu wa huwa Rabbul Arshil Aziim.

 

Allaahaan Anaaf gahaadha. Isa malee kan haqaan gabbaramu hin jiru. Isatti irkadha, isa mootii Arshii tahetti.

 


 

Rasuulli (SAW) Hasaniifi Huseenitti dhihaatanii du’aa’ii itti aantu tana godhaa turan.

 

A’uuzu bi Kalimaatillaahittaammah, Min Kulli Shayxaanin wa haammah, wamin Kulli aynin laammah.

 

Jechoota Allaahaa kan hir’ina hin qabneenin tiyfama. Hamtuu hundarraa, Bineensota summaawoo hundarraa, hamtuu ijaatiraa jechoota Allaahaatiin tiyfama.

 

Du’aa’iiwwan asii olitti ibsamaniifi du’aa’ilee birootiin cinatti, Qur’aanarraa Suuraa xumuraa lamaan (Suuratul Falaq fi Suuratunnaas) akkasuma Aayatulkursiyyii ofitti qara’uun hamtuu ija namaa irraa tiyfamuun ni danda’ama.

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 650

Kanas dubbisi!

597: Horii wayta qalan osoo hin du’in mataa irraa muruun akkami?
588: Foon Kiristaanni qale Nyaachuun hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button