header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

599: Aayatul Kursii Salaata booda qara’uun waajiba moo Sunnaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Aayatul Kursii Salaata booda qara’uun waajiba moo Sunnaa?

 

 

Deebisaa: Salaata booda aayatul Kursii qara’uun dirqama salaataa irraahii miti. Haa ta’u malee salaata booda nama aayatul kursii qara’uuf ajrii guddaatu jira. Hadiisa sahiihaa keessatti Ergamaan Rabbii SAW, ‘nama salaata waajibaa booda aayatul kursii qara’uuf du’a yoo taate malee wanti jannatarraa nama san dhoorku hin jiru’ jechuun isaanii gabaafameera. Kanaafuu aayatul kursii qara’uun hedduu barbaachisa. Sunnaa jabeeffamaadha. Dirqama ykn waajibaa miti. Nama salaata booda aayatul kursii hin qaraane jalaa salaanni hin badu. Gaafiinis itti hin jiru. Ta’ullee qara’uun barbaachisaadha. Sunnaa Nabiin SAW dalagaa turaniidha. Akka namni salaata booda qara’uufis daddamaqsaa turan.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

 

Fatwaa Ulamaa’ii biyya alaa

 

Aayatul Kursiin aayatoota Qur’aanaa keessaa isii irra caaltuudha. Jinnii fi hamtuu hundarraa if tiysuudhaaf aayatul Kursiin akkaan barbaachistuudha. Jinnii fi Sheeyxaanni mana Aayatul Kursiin itti qara’amu keessa hin seenan. Meeshaa ofii, qabeenya ofii fi fayyaa ofii eeguudhaaf aayatul kursiin gaachana.

 

Abu Umaamaan akka dubbatetti, maqootii Rabbiin yoo ittiin waamame ykn du’aa’ii ittiin kadhatame deebisaa saffisaa ittiin kennu, suuraalee sadih keessatti argamu. Suuratul baqaraa suuraa Aali Imraan fi Suuraa Xaahaadha. Al Baqaraa Aayaa 255, Aali Imraan aayaa 2 akkasumas Xaahaa aayaa 111 irratti argamu. Sadanuu irratti maqoota Al Hayyul Qayyum jedhutu argama.

 

Kanaafuu sadarkaan aayatul Kursiin qabdu guddaadha. Haa ta’u malee salaata hunda boodaan qara’uun dirqamaa miti. Faaydaa isiitirraa ka’uudhaan salaata hunda boodaan qara’uu barbaachisa. Nama qara’eef badhaasa guddaatu jira.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 415

Kanas dubbisi!

612: Dubartiin Heydii Irra Jirtu Qur’aana Akkamitti Qaraati?
568: Qulqullina malee Qur’aana tuquun akkami? Namni Kiristaanaa Qur’aana tuquu danda’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button