header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

610: Liqii abbaa irraa dhabe akkam godha?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Nama tokko waa irraa liqeefadhee yookaan ammoo amaanaa na bira kaahatee, booda yoo bakka inni jiru dhabe akkam godha?

 

 

Deebisaa: Yaa Gabricha Rabbii! Jalqabuma Namni tokko yoo waa sirraa fuudhe ykn ammoo yoo waa sibira kaayate, bakka jireenya yokaan teessoo isaa, bilbila, maqaa isaa guututti, akkasumas maqaa fira isaa fi waan irraa fuute ykn waan inni si bira kaayate hangam akka tahe galmeessuu qabda. Kun Ajaja Rabbii keenyaati. “Walyaktub kaatibun beeynakum…” namni sadaffaa jidduu nama kennuufi kan fudhatuutti barreessaa tahee akka katabu ajajamne. Waan hunda keessattuu wanti katabame kan jechaan himame caala.

 

Haaluma hundaanuu wanti ati irraa fuute yoo waan xiqqoo taate, waan san ifuma biratti qabattee, yoo inni mul’ate ni galchaafii if irratti murteessuu qabda. Yookaan maallaqa san miskiinaaf, yookaan yataamaadhaaf kennuudhaan; waanuma kheeyrii keessaoolchitaafi. Yoo wanti sun waan guddoo tahe ammoo hanga dandeeyseen yoo xiqqaate woggaa tokkoof barbaadii barbaachisis. Yoo ammoo jidduu kanatti ajalli Rabbii natti dhufaa yokaan ammoo wanti kunuu na harkaa baduu mala jettee sodaatte, sadaqaa gurguddoo akka Masjiida ijaaruu fi bishaan dhugaatii hawaasaa baasuudhaa keessa oolchiif. Haatahu ammoo yoo inni kan argamu tahe wanta isaa ni galchaaf jedhii sammuu tee keessatti qabadhu.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 521

Kanas dubbisi!

613: Qabeenya abbaa dhoysanii fudhachuun hayyamamaa?
600: Sifuudha jedhee maallaqa irraa nyaadhee dhiise, maallaqa deebisuufiin narratti dirqamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button