header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

600: Sifuudha jedhee maallaqa irraa nyaadhee dhiise, maallaqa deebisuufiin narratti dirqamaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Dubartii biyya Awrooppaa jirtu takka wajji walfuudhuuf bilbilaan waliin haasayaa turre. Jidduma kanatti maallaqa naaf ergitee turte. Boodarra haala isii yoo qoradhu waan naaf hin taane argee fuudhuu hin barbaanne ni dhiise. Maallaqa deebisuufiin narratti dirqamaa?

 

 

Deebisaa: Horii isii deebisuun sirratti dirqama. Sababni isaa maallaqa kana sifuudha jettee waan waadaa galteef malee firummaadhaaf siif hin ergine. Rabbiin (Subhaanahu wata’aalaa) akkana jedha Horii keessan kijibaan jidduu keessanitti hin nyaatinaAl-Baqara -188

 

intalti wanti horii siif kenniteef akka fuutuuf ture; ati immoo fuudha ni dhiifte. Kanaaf, horii isii kan sifuudha jettee waadaa galteefii irraa nyaatte galchuun sirratti dirqama taha.

 

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 585

Kanas dubbisi!

609: “Sadihiin Si Hiike” jechuun meeqatti lakkaawama?
594: Osoo Abbaan Jiru Obboleessi Xiqqaan Nikaah Godhuu Danda’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

2 Comments

  1. 1. Namni fedhii ofiin ofiraa baase nijanabtawa aksumaaf akamiti dhiqachuu qaba 2. Namni dubarti taka osoo Zina walitin godhin bishaan xaliili irraa bahe nijanabtawa galatoma

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button