header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

620: Salaanni halkanii yoo nama dabre qadaa baasuun dirqamaa?

  • Home
  • Salaata
  • 620: Salaanni halkanii yoo nama dabre qadaa baasuun dirqamaa?
Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Namni tokko ka halkan salaatuu aadaa godhate, yoo salanni halkanii jala dabre salaata san qadaa ni baasaa?

 

 

Deebisaa: Yaa Gabricha Rabbii; Salaata irraa qaadaa baasuun wanti dirqama namarratti godhame salaata shanan fardii qofa. Sanuu qadaan kan namarraa bahu, yoo hirrabaa fi irraanfannee nu darbe qofa. Salaaanni halkanii si dabree ajrii isii dhabuu hin fedhu yoo jette, guyyaa salaatuu ni dandeessa. Haatahuuti halkan 3 yoo kan salaattu tahe guyyaa 4 godhuu qabda. kan 5 ammoo 6 taha, kan 7 saddeet taha, kan 9 ammoo 10 gootee akkasitti witrii halkanii irratti takka dabaltee qindii salaatta jechuudha. Guyyaa witriin hin jiru. Walumaa galatti qadaan salaata leeylii jiraachuu dhabaatus, wanti dura aadaa godhatte akka ajriin na hin dabarre yoo jette bifa armaan olii kanaan salaatuu mirga qabda.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 492

Kanas dubbisi!

622: Eega Salaatatti Seenanii Booda Niyyaa Jijjiiruun Danda’amaa?
619: Salaata keessa dhimma duniyaa yaaduun salaata ni balleessaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button