header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

644: Niqaaba Uffachuun Dirqamaa?

Estimated reading time: 4 min

Gaafiin kun wantoota ulamaa’iin keessatti wal dhaban irraa isa tokko. ulamaa’iin gariin dirqama jedhan. gariin ammoo dirqamaa miti jedhan. deebisaa gaafii tanaatiif fatwaa gama lameeniituu isiniif dhiheessina. lameenirraa kan isin amansiise hordofuun mirga keessan.

 

Ragaa Warra Dubartiin fuulatti haguugachuun dirqama jedhuu

 

Sheikh Saalih al-Fawzaan akkana jedhe.

 

“Fuulli dubartii awrah waan taheef dirqama haguugamuu qaba ilaalchi jedhu sirrii fi ragaadhaanis kan deeggarame. Fuulli qaama dubartii keessaa kan haalaan nama hawatu; namnis harka caalu fuula waan ilaaluuf kanaaf awrah dubartiiti jedhama.” Ilaalchi kun raga shari’aa kan fuulli dubartii haguugamuu qaba jedhuun wal simata.

 

Rabbiin -Subahaanahuu wa ta’aalaa- akkana jedha:

 

“Dubartoota mu’uminootaatiinis (ija keessan gadi qabadhaa) jedhiin, ija isaanii gadi qabatuu; qaama saalaa isaaniitis ni tikfatu; faaya isaaniitis isa isaan irraa ofiin mul’ate malee akka hin mul’isne; haguuggaa isaanii qoma isaaniitti haa uffisanii;…” [al-Nur 24:31]

 

“Juyuuba” isaaniitti haa haguuggatan kan jedhu fuula akeeka.

 

Ibn Abbaas-Rabbiin dalagaa isaa gaggaarii irraa haa jaalatuu- hiikkaa aayata armaan gadii tana “Yaa Nabiyicha! Niitiiwwan teetiin, shamarran teetii fi dubartoota mu’uminootaatiinis ‘jilbaaba (hijaaba) isaanii (qaama) isaanii irratti gadi buusaa’ jedhiin”. [al-Ahzab 33:59] aayata tana ilaalchisee gaaftamnaan, fuula isaatti haguuggatee, ija isaa takka qofa mul’ise. Kuni kan nutti akeeku waanti aayaa tana keessatti fedhame fuulatti haguuggachuu tahuu isaati.

 

Niqaaba ilaalchisee ragaa sunnaa keessatti dhufe

 

Sunnaa keessatti ragaa hadiisaa heddutu jira. Fakkeenyaaf Ergaamaan Sallalaahu Aleeyhi Wasallam akkana jedhan: “Dubartiin ihraama irra jirtu Niqaaba godhachuun haraama” jedhan. Kun dubartiin hogguu ihraama irra hin turretti niqaaba uffataa akka turan garsiisa.

 

Hadiisni kun dubartiin ihraama irra jirtu Niqaaba ufirraa haafuutu jechuun nama mahram isii hin tahin afottis akkasuma haa taattu jechuu miti. Niqaaba tahuu baatus huccuu birootiin fuula isii dhokfachuu qabdi. Ragaan Kanaa ammoo hadiisa A’ishaa -Radiyaallahu anhaa- isa armaan gadiiti. A’ishaan akkana jette “Ergamaa Rabbii-Sallallaahu aleeyhi wasallam-waliin ihraama irra osoo jirru, warri dhiiraa tokko nu cinaa dabran. nutis hogguu san guftaa mataa irraa fuula keenya guututti gadi buufanne, jarri dabrinaan ammoo fuularraa fuudhanne”

 

Kanaaf dubartiin ihraama irra jiraattus nama mahram isaanii hin tahin jalaa fuula dhokfachuu qaban, sababni isaatis fuulli madaalli bareedumaati, dhiirtis fuula dubartii ilaalti.” (Fatawa al-Marah al-Muslimah, 1/396, 397)

 

“Dubartiin niqaaba uffatte ija isii lamaaniin bakka ilaaltuun hambisuun rakkoo hin qabu; haalli kun zamana Rasuulaatis ni jira, barbaachisaadhaas. Fuula cufa dhokfattee ija qofa hambisuun homaa rakkoo hin qabu” (Fatawa al-Marah al-Muslimah, 1/399)

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

=======================

 

Ragaa warra dubartiin niqaaba uffachuun dirqamaa miti jedhuu

 

Sheikh Nasruddiin Albaanii Niqaaba uffachuun waajibaa miti jedha. Kanaafis ragaa garagaraa dhiheeffata. Inni duraa hadiisa bukhaarii fi Muslim keessatti argamuudha.

 

Abdallaah ibn Abbaas Rabbi isarraa haa jaalatuu akkana jedhe; ‘Al-fadl Rasuula SAW duubaan yaabbatee deemaa ture. Yeroo kana dubartiin gosa Kas’am (Kath’am) taate gara isaanii dhufte. Al Fadl dubartii san laaluu jalqabe. Isiinis isa laaluu jalqabde. Ergamaan Rabbii SAW fuula Al Fadl gara biraa naanneessan. Dubartiin sunis “Yaa Ergamaa Rabbii, Hajjiin Rabbi gabarran isaa irratti dirqama taasise abbaa kiyyas dhaqqabdee jirti. Inni garuu manguddoo fi dadhabaadha. Waa yaabbatuu hin danda’u. bakka isaa an Hajjii isaaf godhuu danda’aa?” jettee gaafatte. Ergamaan Rabbiitis “eeyyan ni dandeetta” jedhanii deebisaniif. Mudannoon kun bara hajjii dhaammannaatitti mudate. (Bukhaarii 1533, 1855; Muslim 1334)

 

Akka hadiisa kanaatti fuulli dubartii sanii kan hin haguugamin ta’uu irraa hubatuu ni dandeenya. Wanti Al Fadl dubartii san laaleef waan fuulli isii mul’ataa ta’eefi.

 

Hadiisa biraatiin Asmaa bin Abibakr Rabbi isiirraa haa jaalatuu, guyyaa tokko uffata haphii uffachuudhaan gara bakka Rasuulli SAW jiranii seente. Ergamaan Rabbiitis SAW fuula ofii irraa naanneessanii, “Yaa Asmaa, dubartiin takka yoo ballagdee dhiiga haydii arguu jalqabde, qaama isii kanaafi kana yoo taate malee qaama hafe mul’isuu hin qabdu” jedhaniin. Yeroo kanatti fuulaa fi harka isaanii akeekaa turan. (Abu Daawud akkana jedhe, “Hadiisni kun hadiisa Mursal ta’eedha. Namni Hadiisa kana Aa’ishaa irraa gabaase kan Ya’qub bin Dureeyk jedhamu Aa’ishaadhaan wal hin argine”) Albaaniin Hadiisa Kanaan Sahiih jedhe.

 

Aayaan qur’aanaa kan Suuratul Nuur Suuraa 24ffaa aayaa 31 irratti argamu akkana jedha:

 

…Waan Mataa irra kaayattu (kimaara) qaamaan geessee haa darbattu…

 

Hiikkaa qur’aanaa kana hadiisa Sunan Abu Daawud keessatti argamutu jabeessa.

 

Aa’ishaan Rabbi irraa haa jaalatuu, Ergamaan Rabbii SAW, “Rabbi salaata dubartii ballagdee yoo kimaara uffatte malee irraa hin qeebalu” jechuu isaanii gabaasteerti. (Sunan Abu Daawud 641; Hadiisa Kana Albaaniin Sahiih jedhe)

 

Dubartoonni yeroo salaatan yeroo hunda fuula isaaniirraa mulqatuu akka qaban ulamaa’iin hundi walii galaniiru. Salaanni dubartootaa fayyaa kan ta’u yoo fuulli isaanii mul’ate qofaadha. Uffanni salaata keessatti uffadhaa jedhame ammoo Kimaara yoo ta’u, uffanni kun kan mataa haguugu malee kan fuula haguuguu miti. Kimaar jechuun niqaaba jechuudha yoo jenne, dubartiin yeroo salaattu yeroo hunda niqaaba godhachuu qabdi jechuu ta’a. kun ammoo sirrii hin ta’u.

 

Dubartoonni Niqaaba uffachuun isaanii waan jajjabeeffamuudha. Haa ta’u malee waajiba jedhanii namarratti fe’uun sirrii miti. Fuula osoo hin hagoogatin deemuurra fuula hagoogatuutu irra filatama. Ulamaa’iin gariin fuulli Awraa waan ta’eef dhoyfamuu qaba. dubartiin fuula hin dhoysine haraama dalagde jedhan. Aayaan qur’aanaa fi hadiisni waan kana dirqama taasisu hin jiru.

 

Gareen biraa ammoo Niqaaba uffachuun bid’aadha. Akkasumas diinii keessatti daangaa darbuudha namoota jedhantu jiru. Kunilleen ilaalcha sirriitii miti. Niqaaba uffatuun shari’aa keessatti bu’uura ni qaba. Bara Rasuulli SAW lubbuun jiranitti dubartoonni hedduun kan niqaaba uffatuunis ta’e waan biraatiin fuula hagoogatan baay’inaan ni jiru. Kanaaf ergamaan Rabbii SAW ibaadaa garagaraa irratti akka dubartoonni niqaaba ofirraa mulqan ajajan. Fakkeenyaaf dubartoonni ihraama irra jiran niqaaba akka hin uffanne dhoorkamaniiran. Salaata keessatti fuula akka hin hagoogne dhoorkamaniiran. Ajajoonni kunniin lamaan kan nuuf akeekan sahaabiyyoonni hedduun niqaaba uffataa turuu isaaniiti. Kanaafuu Niqaaba uffatuun waan haarawa diinitti dabalame ykn ammoo daangaa darbuudhaa miti. Niqaaba uffatuun sunnaa keessatti bu’uuraa fi ragaa jabaa qaba.

 

Walumaa galatti fuulli dubartootaa awraa keessatti waan hin lakkaawamneef hagooguun dirqamaa miti. Garuu fuula isii hagooguun waan haalaan jajjabeeffamaadha. Dubartiin osoo fuulatti hin uffatin yoo deemte badiin irra hin jiraatu. Haa ta’u malee fuulaa fi harka isiirraa waan bareedina addatti dabalu qabaatuu hin qabdu. Rabbi Qur’aana keessatti Suuratul Nuur Suuraa 24ffaa aayaa 31 irratti akkana jedha:

 

dhalaa Mu’minaa faaya uffattu hin mul’isin..”

 

Dhalaa mu’minaa fuula isiirrattis ta’e harkarratti waan bareedina dabalu uffattee manaa bahuu hin qabdu. Yoo waan bareedina dabalu (Makeup fi hinnaa) fuulaa fi harkatti dibatte fuula hagooguun dirqama itti ta’a. Kuuliin fayyaa ijaatiif jecha dibatamu wantoota kanniin keessatti hin lakkaawamu. Waan kanarraa hafeen oomishaaleen bara kanaa kan fuula bareechisuudhaaf dibatamu, kan hidhiitti dibamu, nyaara kijibaa fi kanneen birootis dubartiin harkaa fi fuulatti dibatte osoo fuula isii hin haguugin manaa bahuun haraama irratti ta’a.

 

Sheikh Nasruddiin Albaanii

 

Guduunfaa

Wanti Ulamaa’iin hundi irratti waliif galan, niqaaba uffachuun irra gaariifi jaalatamaa tahuu isaati. warri niqaabni fardii miti jedhus niqaaba uffachuun gaalaan gaarii tahuu dubbatan. dubartiin takka yoo niqaaba uffatte waa heddurraa nagaya baati. nutis kanuma gorsina. dubartiin niqaaba hin uffanne ammoo hijaaba isii seeraan eeggachuu qabdi. dabalataan fuulaafi harkarratti faaya adda addaa godhachuu hin qabdu. dibata adda addaa yoo dibatte niqaaba uffachuun dirqama irratti taha. kanaafuu dubartiin niqaaba malee deemtu faaya adda addatiin of bareechisuu irraa haa fagaattu.

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 1331

Kanas dubbisi!

645: Ulaagaan Hijaabaa Maali?
641: Intalti Heydii irra jirtu Ka’abaa Yoo Xawaafte Maaltu irrajira?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Comment

Back to top button