header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

645: Ulaagaan Hijaabaa Maali?

Estimated reading time: 4 min

Dhimma hijaabaatiin wal qabatee wanti yeroo heddu mormii kaasu dhimma Niqaabaati. Niqaaba uffachuun dirqama moo dirqamaa miti gaafii jedhuuf deebisaa 644 ffaa irra laalladhu.

Deebisaa Dr. Zakir Naik

Akka walii galaatti ulaagaa hijaabaa jahatu qur’aanaa fi Hadiisa sahiihaa keessatti ibsame. Inni duraa hamma uwwisuu qabuudha. Dhiiraaf qaamni dhokatuu qabu handhuura irraa kaasee hanga jilbaa kan jiruudha. Dubartootni garuu qaama mul’achuun dirqama ta’e yoo taate malee qaama hunda uwwisuu qaban. Qaamni mul’isuun dandahamu fuulaa fi harka qofa. Ulaagaaleen hafan shanan dhiiraafis dubartootaafis wal fakkaatoodha. Inni lammataa uffanni uffatamu sun bal’aa ta’uu qabaata. Huccuu maxxanaa boca qaamaa mul’isu ta’uu hin qabu.

 

Sadaffaan ammoo haphii ta’ee kan qaama keessaa mul’isu ta’uu hin qabu. Afraffaan ammoo cululuqaa ta’ee kan saala faallaa hawatu ta’uu hin qabu. Shanaffaan ammoo uffata saala faallaa fakkaatuu hin qabu. Jahaffaan ammoo uffata warra amantii biroo fakkaatuu hin qabu. Kunniin ulaagaalee bu’uuraa Jahan kan hijaabaan wal qabataniidha.

 

Hijaabni guutuun uffata uffatuu qofaan hin guuttamu. Hijaabni waan hedduu of keessatti qabata. Amala, akkaataa, ilaalacha fi yaadni nama saniitis hijaaba keessatti lakkaawama. Hijaaba uffataatiin cinatti hijaaba ijaattu jira. Hijaaba qalbii, hijaaba sammuu, hijaaba yaadaa, Akkaataa namni sun itti dubbatu, akkaataa inni itti deemu, akkaataa namni sun itti jiraatu of keessatti qabata. Kanatu hijaaba guutuu isa taasisa.

 

============

 

Deebisaa Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Hijaabni dubartootaa kan sirrii ta’e ulaagaa saddeet guuttatuu qaba.

1.Qaama guutuu dhoksuu qaba

2.Kan ofii isaatii bareedu ykn kan bareedina dabalu ta’uu hin qabu

3.Furdaa ta’ee kan qaama keessaa hin mul’isne ta’uu qaba

4.Qaama irraa bal’atuu qaba, itti maxxanuu hin qabu

5.Shittoo qabaachuu hin qabu

6.Uffata warra dhiiraa fakkaachuu hin qabu

7.Uffata warra dubartoota hin amannee fakkaatuu hin qabu

8.Uffata boonaa fi of tuulummaa ta’uu hin qabu

 

Qaama guutuu dhoksuu qaba

 

Rabbi (SW) akkana jedha:

Yaa Ergamaa kiyya Muhammad; Beera teetii fi dubra teetiin, ammallee beera dhalaa Islaamaatiin akki jettu, fooxaa keessan guftaa gubbaan haguuggadhaa jedhiin. Akkasitti haguuguutu akka isiin nama gurra ifii eeggatu ta’uu beeksisutti dhiyaata. Akka munaafiqni isin hin tuqne godha. Rabbiin kan namaa araaramee rahmata namaa godhu. (Al Ahzaab 33:59)

 

Aayaan qur’aanaa kun dubartootni qaama isaanii guutuu akka hagooguu qaban ajaja. Nama fira isaanii hin ta’in duratti qaama isaanii mul’isuun dhoorkaadha. Yoo akka tasaa qaamni isaanii mul’ate hin gaafataman.

 

Ibn kasiir akki jedhe;

“kana jechuun qaama isaanii kan dhoksuun ulfaatu yoo taate malee nama mahrama hin taane duratti mul’isuu hin qaban.”

 

Kan ofii isaatii bareedu ykn kan bareedina dabalu ta’uu hin qabu

Rabbi akkana jedha:

“Dhalaan mu’minaa faaya isii hin mul’isin….” (Nuur 24:31) Hiikkaan walii galaa aayaa kanaa uffannaa gubbaan uffatamus of keessatti qabata. Sababni isaa uffanni sun yoo kan calaqqisu ta’e dhiira ofitti harkisuu danda’a. aayaan kun aayaa biraa kan suuratul Ahzaab keessa jiruun wal deeggara.

 

“Mana keessan keessa taa’aa, akka bara jaahiliyyaa sanitti of hin mul’isinaa…” Ahzaab 33:33

 

Dhaamsi kun hadiisa Rasuulaatiiinis ni deeggarama. Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Waa’ee nama sadihii na hin gaafatinaa. Nama jama’aa irraa fottoqee hogganaa isaatii ajajamuu didee, sanumarratti du’e; Gabra ykn gabrittii nama jalaa badanii du’an; Dubartii abbaan warraa isii bira hin jirre kan waan isii barbaachisu hunda dhiiseefii deeme, ammoo kan isiin of mul’istuu taate. Waa’ee isaanii na hin gaafatinaa. (Al hakiim fi Ahmad; Hadiisa Faddaalaah bin Ubayd irraa; Sanadni isaa Sahiiha, Adabul Mufrad keessatti argama)

 

Huccuu furdaa tahuu qaba

 

Uffanni haphiin qaama dubartii mul’isu kan haalaan dhiirota rakkoo keessa galchuudha. Kanaan wal qabatee Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “gara zamana boodaa ummata kiyyaatitti dubartoota uffatan garuu kan qullaa ta’an, kan mataan isaanii akka dalluu gaalaa jirutu dhufuuf ta’an. Abaaramtoota waan ta’aniif isinilleen abaaraa.” Hadiisa biraatiin ammoo, “Jannata hin seenan ykn hafuura jannataa hin argan. Hafuurri jannataa fageenya dheeraa irraallee beekamuu danda’u, isaan garuu hin argan.”  Jedhan. (Muslimtu Abu Hureeyraa irraa gabaase)

 

Ibn Abd Al Barr akkana jedhe, “Wanti Nabiin SAW jedhan, waa’ee dubartoota uffata huccuu haphii irraa hojjatame uffataniiti. Kun qaama hin haguugu. Uffatan jedhama garuu dhugatti qullaa jiran.

 

Uffanni bal’aa ta’uu qaba, maxxanee kan boca mul’isu ta’uu hin qabu.

 

Kaayyoon uffataa ummata fitnaa irraa dhoorkuudha. Kun ammoo milkaayuu kan danda’u yoo uffatni bal’aa ta’eedha. Uffanni maxxanaan gogaa qaamaa dhoksus boca qaamaa garuu haalaan mul’isa. Kun ammoo sammuu namaa keessatti fakkiin akka kaafamu taasisa.

 

Shittoo afuufatuu hin qabdu

 

Dhimma Kanaan wal qabatee hadiisota hedduutu gabaafame. Sanniin keessaa muraasni;

Abu Mus’aab al Ash’aarii akkana jedhe: ‘Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “dubartiin shittoo ofitti dibdee nama biraan dabartee akka hafuura san fuunfatan goote, zinaa dalagde.”

 

Zaynab Al Saqafiyyaa akkana jette, “Ergamaan Rabbii SAW, tokkoon keessan (dubartoonni) gara masjiidaa deemuu yoo feetan shittoo harkaan hin tuqinaa.”

 

Abu Hureeyraan akkana jedhe; Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Dubartiin bakura ofitti dibde, nu wajjiin salaata Ishaa’ii akka hin salaanne.”

 

Uffannaa warra dhiiraa fakkaatuu hin qabu

 

Hadiisota hedduun akka gabaafametti dubartoonni dhiira fakkaachuudhaaf yaalan ykn faallaa saniin dhiironni dubartii fakkaachuudhaaf yaalan abaaramaniiru.

 

Abu Hureeyraan akkana jedhe: Ergamaan Rabbii SAW dhiira uffata dubartii uffatuu fi dubartii uffata dhiiraa uffattu abaaraniiran.

 

Abdallah ibn Amr akkana jedhe: An hoggaa Ergamaan Rabbii SAW dubartoonni dhiiratti fakkaatanii fi dhiironni dubartootatti fakkaatan nurraahii miti jedhan dhagaheera.

 

Abdallaah ibn Amar akkana jedhe: Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Namoonni sadih jannata hin seenan Rabbilleen isaan hin ilaalu, “nama haadhaa fi abbaa ajajamuu dide, dubartii dhiiratti fakkaattu, dhiira dayyuusa (kan haadha warraa isaarratti hin hinaafne).

 

Akka hadiisota kanniin irraa hubannutti saalli tokko saala kaanitti fakkaatuun dhoorkaa ta’uu isaati. Uffataanis ta’e waan biraatiin fakkaachuun dhoorkaadha.

 

Uffata dubartoota warra hin amaninii fakkaatuu hin qabu

 

Akka Shari’aa Islaamaatti dhiiras ta’e dubartiin gama ibaadaatiin, gama ayyaanaatiin, gama uffannaatiin addatti waan amantiin biraa ittiin beekamu fayyadamuu hin qaban.

 

Uffata oftuulummaa fi boonaaf jecha uffatamu ta’uu hin qabu

 

Ibn Umar Rabbi irraa haa jaalatuu akkana jedhe. Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan; “Namni uffata boonaa fi oftuulummaa addunyaa kanarratti uffate, Rabbi guyyaa qiyaamaa uffata salphinaa isa uffisa, san booda ibiddi naannawa isaatitti akka itti qabatu taasisa.”

 

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 631

Kanas dubbisi!

650: Obboleessa jaarsaa duratti hijaaba mulqachuun hayyamamaa?
644: Niqaaba Uffachuun Dirqamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Comment

Back to top button