header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

661: Imaama salaata dheeressu akkam godhan?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Anaafi namni paakistaanii tokko waliin hojjanna. Yeroo salaata jama’aa wajji salaannu inni akkaan dheeressa. Yeroo garii raka’aa tokko keessatti hanga juuza tokkoo qara’a. sababaa kanaaf jecha an isa wajji dhaabbachuu dadhabee kophaa kiyya salaatuu filadhe. Kanarratti maaltu narra jira?

 

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii! Sababaa gurbaa kanaatiif salaatul jama’aa irraa if hin hoongeysin. Waa hunda dura isaaf nasiihaa godhi. Jecha gaariin itti dubbadhuu gorsi. Salaanni akka fedhanitti dheereysanii salaatan salaata sunnaati malee salaata fardii kan jama’aa waliin salaatanii miti. Nabiin keenya (SAW) dhaamsa jabduu nuuf dhaame. “tokkoon keessan hoggaa salaata namaan salaatu, salaata haa gabaabsu, warra isatti hidhatee salaaturra dhukkubsataafi nama haajaaf jarjarutu jiraachuu mala” jedhe. kanaafuu namni imaama tahee nama salaachisu tokko, suuraalee gaggabaaboo akka Wadduhaa, Wattiin, Izaajaa, Washhamsii fii suuraalee gaggabaaboo akkanaatiin namaan salaatuu qaba.

 

Kan kophaa isaa salaatu ammoo hanga fedhe dheereysuun mirga isaati. Yoo fedhe raka’aa takka keeysatti juuza 10 qara’uu mirga qaba. Akka hundattuu ati namticha kana toltuu yaadiif. Namoota birootis yaamii akka gorsan godhi. Sababaa isaa akka salaanni jama’aa hin miidhamne godhi. Atis salaata jama’aa if hin hoongeysin. Yoo isa wajji salaatuu hin feene nama biroo barbaaddadhuu jama’aa biroo wajji salaati. Waan kana sababaa godhattee salaata jama’aa irraa if hin hoongeysin.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 731

Kanas dubbisi!

669: Salaata Duhaa yeroo akkam salaatan?
660: Raka’aa lamaan boodaa keessatti faatihaa malee suuraa biroo dabaluun tahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button