header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

690: Ji’a Rajab keessa soomanni ajajame jiraa?

Estimated reading time: 2 min

Rajab: Ji’a kabajamaadha.

 

Jiini Rajab ji’oota Rabbiin kabajamtoota jedhe keessaa isa tokko. Qur’aana keessatti Suuraa tawbaa Suuraa 9ffaa aayaa 36 irratti akkana jedha;

 

Dhugumatti, (waggaa tokko keessatti) lakkoofsi baatii Rabbiin biratti ji’a kudha lama ta’a, akkasuma Rabbiin Guyyaa samii fi dachii uume sanatti murteesse; isaan keessaa afur kabajamoodha (1ffaa, 7ffaa, 11ffaa fi 12ffaa). Sun diinaa Rabbii qajeelaadha. Baatiiwwan san keessa lubbuu teessan hin miidhinaa.  

 

Ji’ootni kabajamoon isaan kam?

Ji’oonni kabajamoo ykn qulqulluu jedhaman; Rajab, Zul Qa’daa, Zul Hijjaa fi Muharram jedhaman.

 

Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Waggaan tokko ji’oota kudha lama qaba. San keessaa afur baatii kabajaati (qulqulluudha). Ji’oota sadan walitti aanan; Zulqa’daa, Zul Hijjaa fi Muharram akkasumas Rajab Mudar kan Jumaadaa fi Sha’baan jidduu jiru” (Bukhaarii 4662, Muslim 1679)

 

Ji’oonni kunniin afran sababaa lamaaf ji’oota kabajaa ykn qulqulluu jedhaman. Inni duraa Ji’a san keessa lolli dhoorkaa godhamuu isaati. Yoo diinni lola namarratti labse malee ji’oota kana keessa diinaanis hin lolan. Sababaan lammataa ammoo baatii hunda keessa badii dalaguun dhoorkaa ta’ee osoo hin jiruu, baatii kanniin keessatti cubbuu dalaguun irra hamatti lakkaawama. Aayaan Qur’aanaa suuraa tawbaa suuraa 9ffaa aayaa 36 irra jiru irrattis Rabbi nu dhoorkee jira.

 

Baatiiwwan san keessa lubbuu teessan hin miidhinaa.

Cubbuu dalaguun ji’oota biroo keessattillee dhoorkaadha. Ji’oota kanniin afran keessatti ammoo haalaan dhoorkama.

 

Ji’a Rajab keessa Soomanuun wal qabatee hadiisni jiraa?

 

Ji’a Rajab keessa soomanuudhaan wal qabatee hadiisni sahiihaa soomatti ykn ammoo ibaadaa biraatitti addatti kan nama qajeelchu hin jiru. Ji’a san irraa guyyaa hagana ykn ammoo guyyoota kanniin soomanaa jedhamee wanti kaayame hin jiru. Namoonni tokko tokko ji’a Rajab keessaa guyyoonni soomanuun jaalatamu ni jiru jedhanii kan haasayanis bu’uura hin qabu. Kanaaf ammoo hadiisa tokko akka ragaatti dhiheeffatan.

 

Hadiisa ergamaa Rabbiiti jedhamee kan Abu Daawud keessatti gabaafamee fi “Ji’oota kabajamoo keessaa guyyoota garii soomani garii dhiisi” kan jedhu hadiisa bu’uura qabuu miti. Sheikh Nasruddiin Al Baanii hadiisa Kanaa da’iif jedheera.

 

Hadiisni kun ji’oota kabajaa keessatti soomanuun jaalatamaa akka ta’e garsiisa. Osoo hadiisni kun Sahiihayyuu ta’ee, ji’oota kabajamoo hunda keessaa guyyaa garii soomanuun rakkoo hin qabu. Garuu Rajabiin qofa addatti baasanii soomanuun sirrii miti.

 

Sheikhal Islaam ibn Tayamiyyaah (Rabbi rahmata isaaf haa godhu) akkana jedhe,

“Ji’a Rajab addatti fooyanii soomanuun wal qabatee hadiisonni himaman hundi kan bu’uura qabanii miti. Inumaa hedduun isaanii hadiisota kijibaati. Kanaaf jecha hayyoonni islaamaa hadiisota kanniin ragaa hin godhatan. Osoo hadiisa da’iifaa ta’anii silaa waan tokko. Hadiisonni hundi mawduu’a ykn kan uumamaniidha. Ragaadhaan Nabi Muhammad SAW ji’oota kabajaa keessatti soomanuu isaanii kan akeeku ni jira. Kunis ta’u ji’oota kabajaa hunda walitti qabata malee, ji’a Rajab qofaa miti.”

 

Ibn Qayyim (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedhe;

“Hadiisonni ji’a Rajab keessa soomanuu fi halkan isii dhaabbachuu irraa dubbatan hundi hadiisa sobaati” (Al Manaar Al Muniif fuula 96)

 

Al Haafiz ibn Al Hajar (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedhe;

Hadiisni sahiihaa akka ragaatti lakkaa’amu kan waa’ee ol’aantummaa ji’a Rajab dubbatu, ykn kan soomana ji’a kana guutuu ykn cinaa isaa soomanuu dubbatu, ykn halkan isii salaataan dabarsuu irraa dubbatu hin jiru.

 

Sheikh Sayyid Saabiq (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedhe;

“ji’a Rajab keessa soomanuun ji’a biraa keessa soomanuurraa wanti adda isa taasisu hin jiru. Inni ji’a kabajaa ta’uu qofaan ji’oota biraa caaluu danda’a. Waa’ee Soomana ji’a kanaatiin wal qabatee gabaasni sahiihaa tokkolleen hin jiru. Ammoo wanti akka ragaatitti himame hundi isaatuu kan ragaa ta’uudhaaf maluu miti.

 

Rajab guyyaa 27ff soomanuun faaydaa qabaa?

 

Ibn Useeymiin (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) waa’ee ji’a Rajab guyyaa 27ffaa soomanuu fi halkan isaa ammoo salaataan dabarsuu irraa gaafatamee akkana jechuun deebise, “Rajab guyyaa 27ffaa soomanuu fi halkan isaa ammoo salaataan dabarsuun bida’aadha. Bid’aan hundi kan jallinaati.” (Majmuu’ fataawaa ibn Useeymiin)

 

Shiekh Saalaah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 863

Kanas dubbisi!

691: Namni dhukkubu soomana akkam godha?
658: Salaataafi soomanni umrii meeqatti waajiba namarratti taha?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button