header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

698: Adurreen salaata ni balleessitii?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Yeroo salaatu bashoon (adurreen) narra naannoytii salaatni sun akkami?

 

 

Deebisaa: Ergamaan Rabbii SAW dhimma adurreetiin wal qabatee akki jedhan, “bashoon ykn adurreen khaadima keessan kan mana keessaati. Hoggaa nyaattanii fi dhugdan isiniin naannayu.” Walumaa galatti bashoon ykn adurreen salaata keessa sitti mammaramuun salaata kee hin balleessu.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

 

Fatawaa biyya alaa

 

Adurreen qulqulluudha. Kanaafuu adurreen waa tuqxeef ykn ammoo waa keessaa dhuydeef waan san hin najiseessitu. Kabshaah bint Ka’b bin Maalik, ilma Abi Qataadaatti heerumte. Abi Qataadaanis guyyaa tokko mana isii dhaqee isii ziyaare. Isiinillee bishaan wuduu’a ittiin godhu kenniteef. Osoo inni wudu’a godhaa jiru adurreen dhuftee bishaan dhuguu jalqabde. Innillee haga adurreen quuftutti dagaletti qabeefi. Gara Kabshaah naannayee, ‘si ajaa’ibee?’ jedhee gaafate. Isiinillee eeyyan jetteen. Abi Qataadaanis deebisee, Ergamaan Rabbii SAW ‘Isiin najisaa miti. Warra mana keessan keessatti isinirra naannayuudha’ jedhaniiran jechuun isii deebise. (Jaami’ at Tirmizii 92, Albaaniin Sahiih jedhe)

 

Hadiisa biraatiin Ergamaan Rabbii SAW “Adurreen salaata hin balleessitu. Jarri warra mana keessatti haalaan barbaachisoo ta’an keessaa tokko”  jedhaniiru. (Ibn Maajaah 369, Hadiisni kun Hasan jedhame)

 

Sheikh Saalaah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 506

Kanas dubbisi!

706: Huccuu Masqala qabduun Salaatuun akkami?
696: Azkaara Salaata waajibaa boodaa yeroo biroo yoo qara’e akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button