header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

696: Azkaara Salaata waajibaa boodaa yeroo biroo yoo qara’e akkami?

  • Home
  • Salaata
  • 696: Azkaara Salaata waajibaa boodaa yeroo biroo yoo qara’e akkami?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Azkaara Salaata waajibaa shanan boodaa yeroo salaataa dhiisee, yeroo biraa yoo qara’e maal rakkoo qaba ?

 

 

Deebisaa: Yaa gabroottan Rabbii! Rabbiin-Subhaanahu Wata’aalaa- akkana jedha: “isaan warra dhaabbatanii, taa’anii, cinaacha isaanii irrattis (warra) Rabbiin faarsani, ‘yaa Gooftaa keenna kana taphaaf hin uumne, qulqulloofte, adabbii ibiddaa irraas nu baraarsi’ jedhaa uumama dachii fi samii keessatti xiinxalaniidha” Aali Imran:191

 

Akkuma aayata tanarraa hubannu zikrii bakka hin qabdu, manaa-masjiida hinqabdu, teessumaa-dhaabbata hin qabdu. Tanaaf salaata boodas yoo deemnus, yoo hojjannus, haala nuuf mijaahe hunda keessattuu zikrii godhuu ni dandeenna. Ayatal Khursii qara’uu, Suuratu (ikhlaas, falaq, al-naas) yeroo nuuf mijaahetti qara’uuni dandeenna.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

 

Deebisaa Ulamaa’ii biyya alaa

Zikriin salaata booda godhamtu –Astghifirullah, Subhanallaah walhamdu lillaah, wallaahu akhbar tan jettuu. Akkasumas-Ayaatal Khursii fi Mu’awwidateeyni qarauun ni danda’ama.

Kanaan alaa salaata booda harka olfuudhanii gamtaanis tahee kophatti du’aa’ii godhuun sunnaa keessa hin jirtu.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 501

Kanas dubbisi!

698: Adurreen salaata ni balleessitii?
687: Sujuuda Sahwii (Sujuuda irraanfii) booda ni salaammatanii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

2 Comments

  1. As wr wb akkami jiritaani qopheesitota nuralhudaa mashaa Allah qophin heeduu isini irraa jalanee rabbin isini haa jalaatu umri kessani nufi haa dhereesuu inshaa Allah Ani maqani koo (S,J)gafi qabaa gafin koo waggaa dherraa midhama turee inshaa Allah isinii furimataa itti nafi gootani jedhee yaddaa gafin kotisi Abbaa manaa kiyyani wali dhabinee gara ammata saddeti jiraa garuu wali birra hin turee nafudheni ji’aa lamatani birraa deeme yaddani wali galuu hin dedenee ani Saud turee ini yoo saniti biyyaa jiraa na hikki jeedhani turee maatini irraa nu hikaa jechaa maniguddoni dubbacha turani egaa wali hin galini jeechudha hin hikku jedhee diddee egaasi anisi ka’ee biyyati galee ani galani jariti tiyyaa nafi galichitani malee jeedhee anisi wani manigudoo jeedhani toolee jedhee itti deebi’ee ittilee deebinan wali galuu hin danidene manigudoni yeeroo heedu waliti nu deebisani erigasi ani namumaa ammala hin qabine wojini hin jiraadhu nikaha na hikki jeedheni kadhee hin hikuu jeedhu manigudoni garaa waggaa tokko kadhatani hin diddee ini didani yeroo saniti qadii Shari’ani cufadha akka ganida keenati jeechudha achumaa wajira mana murititi ofiraa bussee warraqa nafi keenani garuu achi asilee nara busi jedheni hin diddee ammaa oddaa addani deemine wagga afuri genee jiraa ammaa namaa woyyi jaladhee Matti kotiiti jarasa eragadhu jedheni inisi ni erigatee matinisi ossoo kaa awwalaa nikkha irraa hin bussin nuti dubbiti hin senuu jeedhani didani amma waniti isini gafachu fedhuu Nikeni issaa ni jiraa moo hin jiruu deebi isiniraa egaadha heeduu yaddaa natii ta’ee maati kootisii nawalini dhiphatuti jiraani inshaa Allah furimata isini nafi ladhaa abdiin isini eegadhaa Jazaa kallahu keeyrani

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button