header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

706: Huccuu Masqala qabduun Salaatuun akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii:- Huccuu Masqala qabduun salaatuu, takkaahuu saamunaa masqala qabuun yoo qaamaan dhiqatan akkami?

 

 

Deebisaa: Huccuu fi wantootni akka saa’aatis kan masqala qaban waan salaata nama jalaa balleessurraayi. Irraa fagaadhaa. Akkuma san suuraan namaallee yoo uffatarra jiraate waan kushu’a nama dhoorku waan ta’eef huccuu akkasiirraallee irraa fagaadhaa. Wantoota akka Saamunaa ammoo yoo ableen waan san irraa kaasuu dandeettan irraa kaasaa. Waan irraa muruu dandeettan muraatii kan hafeen dhiqadhaa. kan if duraatiif wanti irra jiru Masqala yoo ta’e hin bitinaa.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Wanti Masqalaan wal qabate islaamummaa keessatti dhoorkaadha. Masqalli mallattoo amantii biraati. Wanti isaan itti amanan kun ammoo islaamummaa keessatti kijiba akka ta’e himameera. Qur’aana keessatti suuratunnisaa’ suuraa 4ffaa aayaa 157 irratti Rabbi akkana jedha;

 

Ammas waan isaan Al Masiih Iisaa ilma Mariyam ajjeefneerra jedhaniif isaan abaarre. Hin ajjeefnes hin fannisnes. Haa tayuu isaaniitti fakkeeffame. Warri waan kana keessatti wal dhaban shakkii keessa jiran. Waan jedhan keessatti ni seyan malee hubannoo hin qaban. Dhugumatti hin ajjeefne. (Nisaa’ 4:157)

 

Nabi Muhammad SAW wantoota Masqala qaban mana isaaniitii baasaa turan. Hadiisa Bukhaariin gabaaseen Aa’ishaan (Rabbi isiirraa haa jaalatuu) , “Isaan waan masqala qabu tokkollee mana keessatti hin dhiisan. Takkaa ni jijjiiran ykn ni caccabsan” jette. (Bukhaarii 5952)

 

Gaafii salaatni Masqala uffatuun taasifamuun ykn musallaa Masqala qabu irratti salaatamuun wal qabatee gaafatameef Koreen fatwaa deebisaa yoo kennu; gaafiin kun salaata amma dura salaatameef kan gaafatame yoo ta’e, salaatni sun homaa hin taane jedhan. Jibbamaas ta’u salaanni nagaya jira. Amma boodaaf taanaan garuu waan akkasii irratti salaatuun ykn uffatanii salaatuun hin ta’u. Yoo danda’ame wahiin dhoksuu, jijjiiruunis yoo danda’ame jijjiiruu barbaachisa.

 

Wantoota akka sa’aatii kan masqala qabanis uffatanii salaatuun hin hayyamamu. Waan san irraa bocuun balleessuun yoo danda’ame balleessuu barbaachisa.

 

Dabalataan uffata barreeffama garagaraa qabu, akkasumas uffata footoowwan garagaraa qaban uffatanii salaatuunis dhoorkaadha. Ergamaan Rabbii SAW bakka footoon jiru Maleeykaan hin seenu jedhan. Dabalataan barreeffamni ammoo kushuu’a nama duubaan salaataa jiruu balleessa. Kanaafuu wantoota akkanaa dhoksuun barbaachisaadha.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

 

Ibsa dabalataa

 

Masqalaa fi Footoowwan uffatarra jiranii cinatti wantoota barreeffama qaban eeggatuun akkaan barbaachisaadha. Namni gariin barreeffama san osoo hin dubbisin ykn ammoo osoo hin hubatin bitee uffata. Kanaafuu waytuma uffata bitannu jalqabarratti wantoota barreeffama qaban irraa haa fagaannu. Uffata barreeffama qabu qofatu jira taanaan, barreeffamoota kanniin dubbisnee hubatuu barbaachisa. Namoonni hedduun uffata jechoota badiitti nama geessan kan macaafa keessaa baafaman uffatee wayta salaatu arguun baratamaa ta’eera. Kanaafuu akkuma suuraa fi masqala eeggannutti barreeffamas haa eeggannu.

 

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 2148

Kanas dubbisi!

709: Namni tokko osoo salaatarra jiru yoo fedhiin saalaa itti ka’ee, bishaan irraa yaa’e salaatni sun ni badaa?
698: Adurreen salaata ni balleessitii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button