header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

03: Foon Ummanni Ahlal Kitaab qalan nuuf halaali moo haraami?

Estimated reading time: 1 min

Yaa gabricha Rabbi, hogguma takkallee wanti nuti itti amannu akka muslimaatti wahuma Rabbiin nuuf himee nuuf ibsee, ergaa Nabi Muhammad nutti ergee ifa nuuf baase. Rabbiin hoggaa nyaata waan nyaannee dhugnu cufaahuu waan haalaaliif  haraamii quraana keessati ibsee jira. Quraana keessatti waa takka hin hafne. Muslima barachuu dhabetu rakkoo ufirratti fide malee.  Walumaagalattuu warri a’Ahlal Kitaabi jedhamu pirootestaantiif ortodoksiidha. Warren kaatolikii jedhamu takkahuu waaqeffataa jedhamu wanni isaan qalana haraami calla, dhalaa isaanii fuudhuun haram calla. Ammo a’Ahlal Kitaabi ummanni piroteestaantiif ortodoksii ka akka yahuudaa ka akka naasaaraa bakkuma fedhettuu warri amanti jennetti amanan kun waan isaanii nyaachuun halaali Rabbumatu jedhe. Tanaaf jecha bikka kanatti ibsi godhamuu qabu; a’alalkitaabiin sun qaliinsi hardhaan tanaa, kan meeshaa hammayyaatiin qalan harama. Ibiddaan gubuu haa ta’uu, elektirikaan qaluu haa ta’uu, meeshaa hammayyaatti naqanii daqiiqama muraasa keessatti qalanii kaldhoo irraa baasuu kana, wanni akkanaa haram calla. kanarraa fagaatuu qabna. Tanaaf jecha wanni Rabbiin waan Ahlal Kitaabi halaal godhe waan isaan qalani; bikka tana addaan haa baaafannuu.

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 246

Kanas dubbisi!

05: Qabrii Keessa Deemuufi Loon Keeysatti Tiysuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Yaa Shekaa duraan dursee Isiniif Ulama’ootaa keenyaa akkasumaas hojjattoota TV NUURALHUUDAA maaraan baruumsaa isinii nuuf keennaa jirtaaniif JazaakaAllaa kayerain jechuu barbadaa.
    Kanaatti ansee wa’ee fatawaa foon warrii ahlulkitab qalee nyachuun nii taa’a jedhuu irratti waan naaf hin galle tokkotuu jiira innis:- 1.QUR’ANAA RABBII Irratti 6:121 “Waan maqaan Rabbii irratti hin dubbatamin maqaan biraa irratti dubbatamee dubbatamuu baatee hin nyaatinaa. isarraa nyaachuun ajaja Rabbii irraa bahuudha”.(madda Ibsa gabaabfamaa Qur’aana kabajamaa) ergaa Qur’aani akkanaa jedhee silaa ummanii nasaraa yeroo waa gora’an kaan isan dubbatan “Maqaa abba,maqaa ilmaa,maqaa hafuura qulquluu sadaan Waqaa tokkotin ” jedhuu asirratti maqaan Rabbii dubbatame jechuu dandenyaa?
    innumaa jarrii kun ammas dubbin isaani kun kijibaa akka ta’ee Qur’aani nii dubata 4:171 fi 5:72 “Gabbaramaan sadii hin jedhinaa”
    Asirratti maal nuuf dhamtuu
    Kaan biroo ahlulkitab warronii jedhaaman kanen zamanaa duur sanaa malee kirstanotaa ammaa kanaa mitii namonnii jedhannis jiruu kun hoo akkamiiti ilalama?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button