header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

330: Nama haraama dalagu kaddamuun hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Nuti warra tokko kaddamnaa shaayiif buna jedhaniitiin nu qaxaratanii baadiyaa Arabaa kana keessatti, dhufanii dukkaana dhaabbataniiti achitti waan adda addaa oofanii shiishaa jetta moo ,dubartii fidatan jetta moo waan adda addaa kanaan fitnaa keessa nu kaayanii jiranii nuti waan kana duraanii hin beeynuu shaayiif buna jedhanii achitti kanaan qaxaramnee amma yoo osoma arginu jarri dubartii haraamaa fidatanii achitti waan haramaa dalagaa jiran yoo dubartii tanallee nu kaddamsiisan malli keenya maalii?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Guyyaa mitii halkan keessaa baqadhu bakka san. Rabbi (SW) rizqii halaala ni qaba. Osoo beeytu dallansuu Rabbiitiifii bahara ibiddaa keessa hin rafin, bahara ibiddaa keessa hin bulin. Horiin sunillee ibidda, jiruun ati keessa jirtullee ibidda, haga dallansuun Rabbii, bakakkaan Rabbii irraa sitti hin bu’in baqadhu bakka san. Argutti jirtaa beekutti jirtaa. Haraamaaf maasiyaa irratti wal hin gargaarinaa jedha Rabbiin guddaan. Kanaafuu gurbaa haraamaatiif intala haraamaa wanni kaddaman hin jiru. Hattuu haraamiyyootaa wanni gargaaraniif hin jirtu yaa obboleessa aakiraa.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 223

Kanas dubbisi!

333: Dhiqannaan dhiiga aadaa akkami?
324: Dhiigni aadaa yoo namatti dhufe, dawaan ofirraa dhoowwuun taatii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button