header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

624: Wanti Zakaa dirqama namarratti godhu maali?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii:  Zakaa maaltu waajiba namarratti godha? Umriin dargaggoomuu (Ballaghuudha) moo, maallaqa ykn qabeenya horatan tokko amatni irra naannahuudha moo maaltu zakaa dhirqama godha?

 

 

Deebisaa: Ahkaama shari’aa keessatti ilma namaa tokko irratti dirqamni kan dhufu nama umriin isaa gahe yookaan ballage irratti. Salaatni, Soomni, Zakaa fi Ahkaamni hundinu ijoollummatti fardii yookaan dirqamaa miti. Tanaaf jecha Zakaan eega abbaan qabeenyaa umriin isaa ballagee jalqabe, horiin takkaahuu maallqni inni qabu hanga irraa baafamu yoo gahe, woggaa woggaan zakaa irraa baasuun irratti dirqama taha.

Dr. Liwaa’ulislaam 

==============

 

Deebisaa Ulamaa’ii biyya alaa

 

Ulamaa’iin harki caalu qabeenya ijoolleetis tahe kan nama qalbii dhabee irraa zakaan kafalamuu qaba jedhan. Daa’imman dhaalmaanis haatahu karaa kamiinuu qabeenya yoo horatan, namni isaan bulchu yokaan guddisu, qabeenyi isaanii hanga zakaan irraa bahuu qabu yoo guute, zakaa irraa baasuu qaba. Imaam Malik, Imam al-Shaaf’i fi Imamu Ahmad dabalatee ulamaa’iin biroo heddus yaada kana ni deeggaru.

 

Bu’uurri isaa “Zakaan qabeenya namaa qulqulleessiti” kan jedhu; akkasumas Zakaa baasuun akka salaataa fi soomanaa jabeenya qaamaatti hin hajamtu. Tanaaf Umriin daa’imaa hin geenne jedhanii qabeenya inni badhaasaan haatahu, dhaalmaan yokaan karaa biraatiin argate (horate), hanga inni ballagutti eeguun sirrii miti. Namni isa bulchu, yokaan namni itti gaaftamummaa isaa qabu qabeenya kanarraa Zakaa baasutu irra jiraata.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 293

Kanas dubbisi!

628: Mallaqa biyyaa qaban akkamitti zakaa irraa baasan?
537: Dahaba warra kiyyaaf bitee jira akkasuma qawweellee.
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button