header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Fayyaa

Gorsa Haakimaa:Yeeroo Ifxaaraa Soomana akkamitti furuu qabna?

Gorsa Haakimaa:Yeeroo Ifxaaraa Soomana akkamitti furuu qabna?

Akkuma woliigalaatti yeroo Ifxaaraa waan dhangala’aa ta’e fudhachuudha: bishaan, nyaata dhangala’a heddu of keessaa qabu, cuunfaa fuduraa, akkasumallee waan qibaatiin/zeeytiin itti baay’ate waan akka coomaa fa’a dhiisuudha.

Lulluuqqiif ykn sooma hiikuuf:

* Timira: timirri waan sooma ittin hiiknu ykn lulluuqannu keessaa isa ijoodha. Timirri ammoo gulukoosii/sukkaara qaamni keenya humnaaf barbaadu, akkasumas albuudota qaamaaf barbaachisoo ta’an kan akka pootaashiyeemii, koopparii, maangaaniiziifi akkasumas waan Fiber jedhamu kan qaamaan hin bulloofneefi gogiinsa garaafi madaala ulfaatinna qaamaa eeguuf gargaaru of keessaa qaba.

* Dhugaatiiwwan akka bishaanii, aananii, juusii (cuunfaa fuduraa) fudhachuun sooma hiikuun ykn lulluuqachuunis gaariidha. Bishaan humna dabalataa otoo hin kennin dheebuu qaamni qabu baasuu danda’a. Kan hafan ammoo aanaan, juusiin faati dabalataan gulukoosiifi wontoota biroo qaamaaf barbaachisan of keessaa ni qabu.

* Muduraawwan (Fruit) — Muduraawwan akka muuzaa, maangoo, burtukaanaa, mandariinaa, aappilii, anaanaasii, paappayaafi kkf fudhachuun sooma hiikun ykn lulluqachuunis gaariidha.

* Shoorbaa: shoorbaa midhaanii, fuduraaf kuduraa, akkasumas foon qabuun sooma hiikuun wontoota qaamaaf barbaachisaniifii humnaa kennaan ni qabaata.

Lulluuqqii booda nyaatni nyaatamu aadaa naannoo naannoo irratti hundaa’uun garagara. Garuu nyaanni nyaatnu kun otoo waan akka garbuuf qamadii irraa tolfaman, fuduraaf kuduraa, bu’aawwan aananii akkasumas madda pirootiinii kan ta’an foon, qurxummii, kallee/buuphaafi baaqelaa qabaatanii gaariidha. Kanniin hunda yeroo tokko hin jenne, garuu akaakuu nyaataa shanan kana keessaa yoo xiqqaatee tokko tokko qabaatan gahaadha.

Garuu nyaataaf dhugaati garmalee mi’aayaniifi qibaatiin itti baay’ate dhiisa. Erga nyaanne boodas sochii qaamaa sasalphaa ta’an fakkeenyaaf deemsa (walk) gochuun gaariidha.

©Dr. Nuredin Luke

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button