header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
FayyaaOg-Barruu

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa shirooppota qufaa Afur irratti akeekkachiisa baase

Gaambiyaa keessatti daa’imman 66 shirooppii qufaa Indiyaa keessatti oomishaman dhuganii akka du’an gabaafame. Kanuma hordofuun Dhaabbanni fayyaa Addunyaa (WHO)n gosa shirooppii qufaa afur irratti of eeggannoon akka godhamu akeekkachiise.

WHO’ n akka jedhetti, shirooppota qufaa afur Kaampaaniin Indiyaa Maiden Pharmaceuticals jedhamu oomishu keessatti, keemikaalonni miidhaa kalee cimaaf nama saaxilan akka argamaniifi, du’a daa’imman 66tiifis sababa tahuu ibse. Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa akka jedhetti, Kaampaanichi nageenya omisha isaatiif haala wabii dhiyeessuu hin dandeenyeen shirooppota kana oomishe.

Shirooppiiwwan bifa dhangala’aatiin qophaahaniifi qufaadhaaf fudhataman, kanneen amma akeekkachiisni irratti kenname afran, Promethazine Oral Solution, Kofexmalin Baby Cough Syrup, Makoff Baby Cough Syrup fi Magrip N Cold Syrup jedhaman. WHOn akka jedhetti, saamuda dawaalee kanneenii irratti qorannoo godhameen, keemikaalotni diethylene glycol fi ethylene glycol jedhaman, hammi barbaadamuu ol keessatti argameera.

Dawaaleen kunniin karaa seera qabeessa taheen, Gaambiyaa dabalatee biyyoota heddu keessatti raabsamaa akka turan ibsi WHO ni mullisa. Dhaabbatichi oomishoota isaa kanneen biroo keessattis, qabbiyyee walfakkaatu fayyadamuun oomishee Indiyaa keessaa fi biyya alaatti raabsuu waan maluuf addunyaatti beeksiisuun barbaachisaa ta’a jedhe.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button